Magaalaa Roobeetti Pirojeektonni birrii miliyoona 125'n hojjetaman adda addaa eebbifaman

116

Qaammee 5/2014(TOI) - Pirojektoonni misoomaa Magaalaa Roobbeetti hojjatamuun eebbifaman hawwattummaa magaalatti dabaluun cinaatti magaalatti jiddu gala turiizimii taasisuuf gumaacha ol'aanaa akka qabantu himame.

Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti 'smart greenery park'n kiiloomeetirri 2.1 eebbifamuun tajaajila ummataatiif banaa ta'eera.

Bulchiinsa magaalaa Roobeetti pirojektoonni bu'uuraalee misoomaa garagaraa bara 2014 keessa bajata mootummaa, sagantaa ULGDP fi hirmaannaa ummataa birrii miiliyeena 125 oliin hojjatamaa turan yeroo ammaa guutumaan guututti xumuuramuun tajaajila ummataatiif banaa ta'aniiru.

Hoogganaan sagantaa misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii damee Oromiyaa Obbo Amsaaluu Dassaalenyi saganticharratti argamuun, Magaalli Roobee sagantaa kanaan hojii qulqullinna qabu hojjachuu isheetiin magaalota oromiyaa 38 sagantaa kana jala jiran keessaa 1ffaa bahuu dubbatan.

Icciitiin milkaa'ina magaalaa Roobee kun nageenya waaraafi tasgabbii qabachuu akka ta'es Obbo Amsaaluun himaniiru.

Tokkummaafi qindoominni ummataa kunis cimee ittifufuu qaba jedhan.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee Obbo Nigaatuu Mootummaa gama isaaniitiin, seensa bara haaraa irratti waan haara'a ummata keenyaaf gumaachineerra jedhan.

Haaluma kanaan, guyyaa har'aa seensa bara haaraa kanarratti buufata fayyaa tokko, manneen harka qalleeyyii afuri fi pirojektii magariisummaa magaalichaa waliigalatti pirojektoota sadi birrii miiliyeena 8o oliin hojjataman eebbifamuun tajaajila ummataatiif banaa ta'uu himaniiru.

Qaama pirojektoota kanneenii kan ta'e pirojektiin daandii lafoo deemtotaa fi 'smart greener park'n' kiiloomeetirri 2.1 ta'u yeroo ammaa ijaarsi isaa karaa qulqullinna qabuu fi saffisaa ta'een hojjatamee eebbisiiseera

Jiraattonni magaalichaas kanaan dura magalattiin rakkoo qulqullinnaa fi xuraawaa adda addaatiif saaxilamtuu ta'uushee ibsuun yeroo ammaa magaalaa Roobee miidhagduu, hawattuu fi magaalaa jireenya ummataatiif mijooftuu taate gochuu keessatti hojiin bara kana hojjatame abdii nutti horeera jedhan.

Hojiigeggeessaan mana qopheessaa bulchiinsa magaalichaa Obbo Muhammad Maddaa bara kana pirojektoonni 100 ol karaa qulqullinnaafi yeroo isaa eeggateen hojjatamanii yeroo ammaa guutumatti tajaajila ummataatiif banaa ta'uu himaniiru.

Dargaggoonni ijaarsa pirojektootaa kanarratti hirmaatan hujii pirojektii qulqulinaan xumuruun cinaatti muuxannoo hujii hedduu horachuis himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015