Oromiyaa Misoomaan Badhaate Ijaaruuf Halkanii Fi Guyyaa Akka Hojjetu Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ibse

127

Finfinnee Ebla 15/2011 Tokkummaa ummata Oromoo cimsaa Oromiyaa misoomaan badhaate ijaaruuf halkanii fi guyyaa boqonnaa malee akka hojjetu  mootummaan naannoo Oromiyaa ibse.

Kun kan ibsame haala yeroo ilaalchisuun barreeffama ejjennoo mootummaa naannoo Oromiyaa balballoomsu kan biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaatiin qophaa'eeni.

Tokkummaa ummata keenyaa cimsaa Oromiyaa misoomaan badhaatee ijaaruuf halkani fi guyyaa boqonnaa malee ni hojjenna!

Haala yeroo  ilaalchisee barreeffama ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa Balballoomsu kan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Qophaa’e

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan roga maraan hojjetaman keessatti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf gaaffiiwwan ummata Oromoo kamuu otoo hin harcaasiin deebisuuf duraa duubaan tarreessee hojjechaa akka jiru kan mul'ise ibsi kun, bu'aawwan gurguddoonis galmaa'uu isaanii mul'iseera.

Hojiiwwan hojjetamaa jiran kamiyyuu keessatti uummanni hooggansa cinaa dhaabbachuu isaatiif kabajaa fi ulfina  guddaa kan qabu ta'uusaa kan eere ibsi kun, boqonnaa qabsoo itti aanuu keessatti hojiiwwan ummata fayyadaniif xiyyeeffannoo kennee hojjechuuf mootummaan qophaa'aa akka ta'e ibsameera.

Guutuun ibsa kanaa akka armaan gaditti dhihaata-

Tokkummaa ummata keenyaa cimsaa Oromiyaa misoomaan badhaatee ijaaruuf halkani fi guyyaa boqonnaa malee ni hojjenna!

Haala yeroo  ilaalchisee barreeffama ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa Balballoomsu kan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Qophaa’e

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan roga maraan hojjetaman keessatti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf gaaffiiwwan ummata keenyaa kamuu otoo hin harcaasiin deebisuuf duraa duubaan tarreessee hojjechaa jira, bu’aawwan gurguddoos galmeessaa jira.

Hojiiwwan hojjetamaa jiran kamuu keessatti deeggersi,qeeqnii fi hamileen ummanni keenya nuuf keenu bakka dogoggorrettis akka sirreeffannu kallattii nutti argisiisuun hooggansa sabaa akka taanuuf rakkoo balloo kamuu keessatti nu cinaa dhaabbachuu isaaf mootummaan Naannoo Oromiyaa kabajaa fi ulfina guddaa qaba.

Hardhaas kabajaaf ulfina ummata keenyaaf qabnuun boqonnaa qabsoo hojii itti aanu keessatti hojii sabaaf tahuuf dursaa fi xiyyeeffannoo kenninee hoojjachuuf mootummaan qophaawee jira.

Qaanqee bilisummaa amma arguu eegalle fiduu kan dandeenye waa hundaa olitti ummatni Oromoo tokkummaadhaan dhaabachu eegaluu isaati.

Kaleessaas mootummaan aantummaa saba isaaf qaburraa ka’uun hacuuccaa fi gidiraa saba keenyarra gahaa ture fonqolchuu fi bilisummaa Ummata keenyaa mirkaneessuuf aarsaa kafalame yaadachaa dhaloota boruu ijaaruuf siidaa yaadannoo ijaare kunuunfachaa heegaree sabaa bareechuuf yoomiyyuu kutannoo cimaan kan hoojjetu ta’a.

Hapheen tokkummaa Oromoo walitti qabu sabboonumma, yaada mo’aata fi hoggaansa cimaa dha. Kanaafu, sabbbonnumaa Oromoo dagaagsa tokkummaa Ummata Oromoo caalmaatti cimsuun sabni keenya injifannoo fi ifa kanaa olittii akka ceehu ni hoojjenna.

Dagaaginaa fi guddina afaan Oromoo,duudhaa fi eenyummaa Oromoorratti  karaa guutuu ta’een ni hoojjenna.

Kaleessa shira adda addaa nuratti xaxamaa tureen nageenyi naannoo keenyaa boora’ee hojiileen misoomaa saffisa barbaadamuun akka hin deemne nu gufachiisee jira.

Oromiyaa fi Oromoon kan misooman,rakkoowwan bulchiinsa gaarii kan furamanii kenninsi tajaajilaa keenya kan fooyya’u yoo nageenyi jiraate qofa waan ta’eef nageenyaafi ol’aantummaan seeraa kabajchiisuun dhimma waa hunda dursudha.

Kanaaf human nageenyaa cimaa Oromoo fi Oromiyaaf wabii tahuu danda’u ni ijaarra, ni deeggarra ni cimsina.

Jijjiiramni arguu jalqabnee kun cimee fulla’uu kan danda’u Oromiyaa cimtuu yoo ijaarrannee qofadha. Dawoon Oromoota hundaa Oromiyaadha. Oromiyaan cimtee yoo ijaaramte Itoophiyaa ni cimti. Kanaafu, ummatni Oromoo hundi hojii isaa yeroo hojjetu ijaaarsa Oromiyaa yaada keessa galchaa hojjechuu qaba.

Qonnaan bulaan keenya yoo qotu, horsiisee bulaan keenya yoo horsiisu Oromiyaa bu’uura irraa jijjiiruuf akka hojjetu hubatee halkanii guyyaa ifaajuu qaba.

Barataan boru qaroo Oromiyaa ta’uuf akka deemu yaada keessa galchee barnootatti cimuu, daldaalanis halkanii guyyaa hojjeete Oromoo fi Oromiyaa duroomsuu yaada keessa galchee socho’uu qaba.

 Hayyootni Oromoo, daraggootni akkasumas Oromootni hundi beekkumsa, dandeettii fi maallaqa qaban hunda mana keenya har’aa golga keenya boruu kan taate Oromiyaa ijaaruuf oolchuu qabu.

Qabeenya qabnu hunda dinagdeetti jijjiirree jireenyi ummata keenyaa akka fooyya’u xiiqiidhaan hoojjenna.

Carrawwan dinagdee keenya itti guddisuu dandeenyu adda baasuu,gosa fi madda dinagdee horachuu, tarsiimoo dinagdeen keenya daraan itti guddatu xiinxaluu, irratti karoorsuu, muuxannoo gaggaarii hawaasaa,akka mootummaa fi addunyaatti jiru qindeessuun hojii dursa kennamee fi hoojjetamudha.

Homishaa fi homishtummaan qonnaa akka dabalu, itti fayyadamni teeknooloojii fi dhiyeessiin calla guddistuu , lammii qaamaa fi sammuun cime horachuuf gama barnootaan, fayyaan hawaasaa eegamee dhaqqabummaan fayyaa fi dhiyeessiin qorichaa akka fooyya’u,waliingahinsi bu’uuraale misoomaa akka saffisuu fi raawwiin pirojektoota misoomaa akka fooyya’uuf hojii qindoominaa cimsinee ni hoojjennna.

Boqonnaan qabsoo hardha irra geenye kun wareegama qaqqaalii qeerroo fi qarreen kafalaniin kan dhufeedha, kanaaf hojii misoomaa mootummaan hoojjetu hunda keessatti dargaggoo keenya hirmaachisuufi fayyadamummaa isaa mirkaneessuun dhimma boruuf bulfannuu miti.

Xiyyeeffannoon keenya heegaree  carraa hojii dargaggootaa uumuun fayyadamummaa dargaggoota keenyaa mirkaneessuu ta’a.  Kanaafuu sochiin diinagdee naannoo keenya keessatti taasifamu kamiyyuu kallattii carraa hojii dargaggootaaf ball’innaan uumuu danda’uun kan raawwatamu ta’a.

Misooma diinagdee nannnoo keenyaa ariifachiisuuf, sochii warraaqsa diinagdee eegalame finiinsuun sabni keenya, maallaqa, qabeenya uumamaa fi beekkumsa qabu walitti qindeessee ijaaramuun waliin hojjetee hiyyummaa jalaa ariitiidhaan akka bahu hojiin eegalame cimee itti fufa.

Gaaffii hojii argachuu dargaggoota keenyaa furuuf bajanni guddaan ramadamee yeroo dhiyoo keessatti hojitti kan galamu ta’a

Lammiilee keenya shira karaa safuu fi duudhaa hammachuu ummanni Oromoo qabu cabsuun buqqifamanii maqa balleessii nurratti raawwatameen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an deebisanii qubachiisuuniis hojii ijoo mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee hoojjetamaa jira.

Hojiileen misoomaa sadarkaa fi qulqullina barbaadamaniin hoojjetamanii itti quufinsi ummataa akka mirkanaa’u rakkoo caasaa mootummaa gubbaa hamma gadiitti jiru keessatti mullatan qulqulleessuun irra deebiin kan ijaaramu ta’a.

Fedhiin keenya jalqabaa hamma dhufaa fedhiif faayiddaa ummata keenyaa mirkaneessuu qofa, madaalliin hojii keenyaas fedhiif faayiddaa ummata keenyaa qofa akka ta’e mootummaan irra daddeebiin mirkaneessuu barbaada.

Waan hoojjechuuf karoorfanne, kan raawwanne, tooftaa itti raawwannee fi tooftaa hojii hegeree itti raawwannurratti ummata keenya waliin bal’inaan mari’achuu cimsinee itti fufna.

Itti gaafatamni harkaa qabnu kan Oromoo fi Oromiyaa qofa otoo hin ta’iin kan sabaa fi sablammoota hundaati waan ta’eef hojii hoojjennu hunda akka biyyaatti ilalaa wal qabatanii waliin misoomuu fi waliin guddachuun akka cimu imaanaa ummata keenyarraa nutti kenname fiixaan baasuuf cimnee ni hojjenna.

Fedhii fi gaaffiiwwan ummata keenyaa kamiyyu qabsoo fi hojiidhaan deebisuuf haarsaa barbaachisu kamiyyu kaffaluuf qopha’aadha.

hojiiwwan gurguddoon karoorfanne kunneen kan milkaa’uu danda’an yoo ummanni keenya kutannoon nu cinaa dhaabbate qofaadha.

Deeggersi ummata keenyaa hamilee, qeeqni nuu kennu ammoo humna waan nuuf ta’uuf ummanni keenya akkuma kaleessaa har’as bakka waan gaarii hojjannetti nu jajjabeessaa, bakka dogoggorretti nu sireessaa akka nu cinaa dhaabbatu mootummaan Naannoo Oromiya waamicha dabarsa.

Gorsa ummata keenyaa fudhannee wal gorfannee, wal dhaggeeffanneetii fi wal bira dhaabbannee ergama ummanni keenya nutti kanne karaa guutuun ni bahanna.

Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Eebla 15 Bara 2011

                                                                                       Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015