Dargaggoota kalaqa hojii daldalaa qaban gara gabaatti galchuuf birriin miliyoona 5 ol ramadameera.

174

Qaammee 3/2014(TOI) - Dargaggoota kalaqa hojii daldalaa qaban gara gabaatti galchuuf birriin miliyoona 5 ol ramadamuu Biiroon carraa hojii uumuufi ogummaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi dargaggoota kala hojii daldalaa dorgommiif dhihaate keessaa kalaqa foyyee qabu qabatanii dhihaataniif beekamtii laatera.

Hogganaan Biiroo Carraa hojii uumuufi ogummaa Oromiyaa obbo Ahimad Indiris yeroo kana akka himanitti sagantaa hojii hiyyummaa hiri'isuu keessatti dargaggoota dandeetti kalaqa hojii daldalaa qaban deeggaruufi gahoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Bara bajataa haaraattis Dargaggoota kalaqa hojii daldalaa fooyyee qabu qaban gara gabaatti galchuuf bajanni birriimiliyoona 5 ol ramadameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015