Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa guyyaa nageenyaa mata dure ''Atileetiksii Nagenyaaf'' jedhuun magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti kabaje.

90

Qaammee 3/2014(TOI) - Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa guyyaa nageenyaa mata dure ''Atileetiksii Nagenyaaf'' jedhuun magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti kabaje.

Sirna kabajaa kanarratti deetaan ministira Aadaafi Ispoortii aadde Nafisaa Almaahadii, Pireezidaantii Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa Dokatar Komaander Atileet Daraartuu Tulluu akkasuma keessummoonni biroon argamaniiru

Itoophiyaatti baatii 13ffaa kan taate guyyoonni Qaammee shanan moggaasa adda addaan sadarkaa biyyaatti kabajamaa jira.

Haaluma kanaan Qaammee 1 Guyyaa Tola ooltummaa, Qaammee 2 Guyyaa oomishitummaa, Qaammee 3 Guyyaa Nageenyaa, Qaammee 4, Guyyaa Tajaajiltummaa, Qaammee 5 Guyyaa Tokkummaa jechuun kabajamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015