Manni Maree qindeesituu biyyaaleessa Hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa Yaa'ii idileessaa 14ffaa geggeessa jira.

76

Qaammee 3/2014(TOI) - Manni Maree qindeesituu biyyaaleessa Hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa Yaa'ii idileessaa 14ffaa geggeessa jira.

Haala ijaarsa waliigala pirojeetichaa ilaalchisuun hoji geggeessaan olaanaa Pirojeetichaa Injinar Kifilee Horoo hojii ijaarsa siiviilii hidhichaa, Elektiroo Makaanikiifi hojiiwwaan sibiilaa ilaalchisuun raawwii isaa ibsaniiru.

Hojiin sivilii hidhichaa harka 96, hojiin elektiroo makaanilaalii immoo harka 62 xumuramuu himanii, ijaarsa elektiro makaanilaaliif Yuunitiiwwaan 9 oomishamanii dhaabbirra kan jiran yoo ta'u 4 immoo imaalichifamaafi warshaa keessa jiru jedhaniiru.

Hojiin ijaarsa Sibilota bishaan daddabarsanii 73 kan xumurame yoo ta'u, Bosona naannichaa ciruun immoo harka 40 irra gaheera jedhaniiru.

Bara bajataa 2014tti hidhichaaf birrii biliyoonaa 2 walitti qabuuf karoorfamee birrii biliyoona 1.18 walitti qabuun akka danda'ame himaniiru.

Erga ijaarsi hidha haaromsaa Guddichi jalqabamee uummatarraa kennaafi bittaa Boondiin birrii biliyoonaa 16.9 walitti qabamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015