Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa haala waqtaawwaa biyyaarratti abbootii amantaa waliin maryatan.

65

Hagayya 27/2014(TOI) - Ameerikaatti amabaasaaddar Silashii Baqqalaa haala waqtaawwaa biyyaarratti abbootii amantaa Tawaadoo ortodoksii Itoophiyaa waliin mari'atani.

Mana amantaa Tawaadoo Ortodokisii Itoophiyaatti phaaphasii Washingiteen diisii fi naannawaashee qulqullu Abuna Faanu'eelfi phaphasii Kutaa lallaba Walloo kaabaa Qulqulluu Abuna Ermiyaas waliin maryatan

Marii isaaniin abbootiin amantaa hordoftoota amantaa qindeessuun lammilee rakkinarra jiraniif gargaarsa taasisa jiraniif akkasuma fakkenyummaa tokkummaa biyyaa cimsuuf hojjetaniif ambaasaaddar Silashiin galateeffataniiru.

Abbootiin amantaa kunneen yeroo ammaa lammileen biyya alaafi keessaa jiran biyya isaanii cinaa akka dhaabbatan, haala qabatama lafarra jiru Kan Itoophiyaan keessa jirtu naannaawwaa jiranitti akka hubachiisaanifi akka biyya keenyaaf waardiyyaa ta'anif gorsa akka laataan ambaasaaddar Silashiin gaafataniiru.

Mana amantaa Tawaadoo Ortodokisii Itoophiyaatti phaaphasii Washingiteen diisii fi naannawaashee qulqullu Abuna Faanu'eel marii kanarratti akka himanitti bulchiinsa sadanuu keessaa diyaaspooraa jiraatan jajjabeessuun lammilee buqqa'aniif deeggarsa walitiqabuufi filamotoonni mootummaa naannichaa akka ilaalcha madaalawwaa qabaatan irratti ni hojjenna jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015