Sagantaan xumura sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan geggeeffame

100

Hagayya 22/2014(TOI) - Sagantaan xumura sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan geggeeffame

Sagantaa kanas Ministeera Qonnaa, Biiroo Qonnaa Oromiyaafi Bulchiinsa magaalaa Duukamitu waliin qopheesse.

Sirna cufinsa sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa kanarratti hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa, Abbootii Gadaafi Artistoonni argamuun Paarkii Siitii Duukam keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa kanarratti Kantibaan magaalaa Duukam obbo Abduljaliil Abdurroo akka himanitti waggoota arfan darban Itoophiyaatti hojiin ashaaraa magariisaa milkaa'aan hojjetameera.

Sadarkaa magaalichaatti sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan biqiltuun miliyoona 3 ol dhaabameera.

Duukam jiddugala indastirii ta'uu isheen cinaatti ashaaraa magariisaanis fakkeenya akka taatu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ministirri qndeessaa ijaarsa dimookiraasii doktar Alamuu Simee gama isaaniin Badhaadhina mirkaneessuuf hojiin ashaaraa magariisaa gahee olaanaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015