Ayyaanni Shadeey bakka itti aanaan Ministira Muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin fi Pirezidaantiin naannoo Amahaaraa doktar Yiliqaal Kaffaaloo argamanitti kabajama jira.

108

Hagayya 16/2014(TOI) - Ayyaanni Shadeey bakka itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin fi Pirezidaantiin naannoo Amahaaraa doktar Yiliqaal Kaffaaloo dabalatee hoggantoonni mootummaa Federalaa fi naannoo hedduun argamanitti kabajama jira.

Ayyaanni kun godina sablammii Wagimiraa magaalaa Saqoxaatti mata duree ''Shadeey Itoophiyaa, Adda waraanaatti, injifannoof, tokkummaafi kabajaaf'' jedhuun kabajame.

Ayyaanni Shadeey walakkeessa baatii Hagayyaa dubartoonni uffata aadaan of miidhaksannii adda babahiitti bahuun bilisummaan kan yaada isaanii itti ibsatanidha.

Ayyaanni kun ayyana ijoolleen durba kabajuuf yeroo hundaa hawwiin eeggatan akka ta'e himama.

Ta'uus waggoota lamaan daraban sababa weerara garee shororkeessaa ABUT fi weerara vaayirasii Koroonaatiif addababayitti osoo hin kabajamiin hafeera.

Bara kana garuu haaluma kanaan dura barameen bifa o'aa ta'een magaalaa Saqoxaatti kabajameera.

Ayyaana kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee akkasuma keessummoon waamichi taasifameef argamaniiru.

Kabaja ayyaana kana cinaatti manneen barnootaa bultii sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa ijaaruuf dhagaan bu'uura ni kaa'ama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015