Mankuusni jiguun miidhaa qaqqabsiise

61

Hagayya 14/2014(TOI) - Finfinnee, Kutaa Magaalaa Addis Katamaa, bakka adda galma jiddugaleessa Markaatootti mankuusni jiguun lubbuu namaafi qabeenya miidhuun ibsame.

Balichi mankuus Korporeeshinii Manneeniitti kan mudate yoo ta'u, naannawichatti namoota roobaa caamsataa turan dabalatee lubbuun namoota jahaa darbuufi qabeenyarra mancaatiin qaqqabuu ragaan kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Namoonni balaan madaa'uu salphaafi cimaan irra qaqqabes jiraachuu poolisiin eereera.

Manneen erga ijaaramanii turan qaama dhimmi ilaallatuuf eeruun akka barbaachisus ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015