Atileetota Itiyoophiyaa Abijaan Irratti Hirmaataniif Badhaasni Kenname

232

Finfinnee Ebla 15/2011 Atileetota Itiyoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii guddatoota Abijaan irratti hirmaataniif sirnii simannaa fi badhaasni laatame.

Dorgommii shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggootaa fi guddattoota Kootdivooritti taasifame irratti Atileetota hirmaataniif Hoteela Itiyoophiyaatti beekamtii fi badhaasni kennameera.

Ebla 8 hanga 12 bara 2011 dorgommii taasifameen Itiyoophiyaa gareedhaan meedaaliyaa warqee 6, meetii 10, nahaasaa 14, waliigalaan meedaaliyaa 30 argamsiisuun sadarkaa 5ffaa qabattee xumurtee jirti.

Dorgommii guyyoota shaniif taasifame kana irratti Itiyoophiyaan atileetota dhiiraa 39 fi dubaraa 43 walii galatti Atileetota 82 qabattee hirmaachuu dandeessee jirti.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Atileet Gabraa Igzaabiheer Gabra Maariyam yaada kenneen Itiyoophiyaan akka biyyaatti dorgommii kana irratti hirmaachuun alatti meedaaliyaa Warqee akka argamsiiftu ummanni ni eega.

Dorgommii Utaalchoo waggaa 20 gadiitiin Itiyoophiyaan yeroo calqabaaf meedaaliyaa Warqee argachuu danada'uun ishee kan nama boonsu dha jedhan Pirezidaantichi.  

Atileetota kanneen 1ffaa hanga 3ffaa ba'aniif wal duraa duubaan badhaasni birrii kuma 37, kuma 21, kuma 10 kennameefii jira.  

Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa badhaasa Birrii kuma dhibba 8 fi kuma 75, Koreen Olompiika Itiyoophiyaa badhaasa Birrii kuma dhibba 4 fi kuma 50, miseensonni koree hojii raawwachiistuu federeeshinichaa fi abbaan qabeenyaa Hoteela Itiyoophiyaa garichaaf Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50 gumaachaniiru.    

Dorgommii shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggoota waggaa 20 gadii Kootdivooritti adeemsifame kun yeroo 14 yoo ta'u, kan waggaa 18 gadii ammoo yeroo 3 adeemsifameera.

Afriikaan Kibbaa, Keeniyaan fi Naayijeeriyaan sadarkaa 1ffa hangaa 3ffaa qabatanii xumuranii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015