Manni maree Federeeshinii yaa'ii ariifachiisa 2ffaa taa'aa jira.

70

Hagayya 12/2014(TOI) - Manni maree Federeeshinii yaa'ii ariifachiisa 2ffaa taa'aa jira.

Manni marichaa yaa'ii isaa ariifachiisaa kanaan Naannoo saboota,sabalamootaafi uummatoota Kibbaatti gaaffii Godinaaleen 6fi aanaaleen 6 naannoo waliin ta'uuf dhiheessaan irratti mariyachuufidha.

Manni marichaa yaada murtee Koreen dhaabbii eenyummaa, Bulchiinsaafi ijaarsa nageenyaa mana marichaa dhiheessu qoarchuun mari'atee kan ni raggaasisa jedhamee eeggama

Walitti qabaan koree dhaabbicha obbo Xilahuun Kabbadaa akka himanitti yaanni murtee dhihaatee qorannoorratti hundaa'uun mirga uummatoonni walqita fayyadamoo taasisuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015