Naannoon Oromiyaa fi UNDP waliigaltee hojii mallatteessan

81

Hagayya 11/2014(TOI) - Qabeenya jiru haalan to'achuun guddina hundagaleessaa dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi ‘UNDPn waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Misoomaa /UNDP/, dhimmoota misooma fi nageenyaa irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, naannoon Oromiyaa qabeenya uumamaa fi nam-tolcheen daran badhaatuu akka taate himuun, sababa hongeen hanqinni nyaataa muudachaa akka jiru beeksisan. Mootummaan rakkoowwaan gama kanaan jiran furuuf hojjechaa jira kan jedhan Pireezidaanti Shimallis, UNDPn deeggarsa barbaachisu akka godhu gaafatan.

Mootummaan Al ergii guddisuu fi carraa hojii uumuu irratti haala gaariin hojjecha jiras jedhaniiru.

Yoo rakkoon Diinagdee jiraate rakkoon nageenyaa ni jiraata kan jedhan Pireezidaant Shimallis, dinagdee waaraa fi hundagaleessaa ijaaruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Itoophiyaatti Daarektarri UNDP Turaan Sahalaa, Oromiyaan naannoo handhuura Itoophiyaatti argamtuu fi guddinaa fi nageenya Itoophiyaaf ijoodha jedhan.Oromiyaa deeggaruun dirqama isaani akka ta’ees dubbatan.

Carraa hojii uumuu irratti caalmaatti akka waliin hojjetan ibsuun, UNDP waggaatti deeggarsa Doolara miliyoona 18.5 Naannoo Oromiyaatiif ramaduu himan.

Wal amantaan tokkummaan caalmaatti motummaa naannoo Oromiyaa waliin akka hojjetanis beeksisan. Dabalataanis UNDP konkolaattoota 6 deeggarsaan mootummaa Naannoo Oromiyaatiif kenneera.

Madda : - OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015