Waliigalteen daangaa bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee irratti mariin ummataa taa'ame.

106

Hagayya 10/2014(TOI) - Waliigalteen daangaa bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee irratti mariin ummataa taa'ame.

Waltajjii marii kanarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo aragamaniiru.

Kutaaleen hawaasaa adda addaa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee keessaa babba’an abbootiin Gadaa,abbootiin amantaa, jaarsooleen biyyaa fi bakka bu’oonni jiraattotaa waltajjicha irratti hirmaataniiru.

Kaayyoon inni olaanaa waltajjichaa waliigalteerra gahame tokkummaa ummattootaa fi waloon guddachuu kan cimsuu fi furmaata itti fufaa haala kennuun hojiirra akka oolu taasisuuf ta’uu himameera.

Magaalaa Finfinnee fi Godina addaa naannaawwa Finfinnee jidduu daangaan bulchiinsaa waan hin turreef kamiin immootarraa dhihaachaa ture.

Keessaayyuu bu'urraalee misoomaa diriirsuurratti akkasuma weerara lafaa dabalatee gochaawwan seeraan alaa to'achuuf haala rakkisaa uumee turuu hirmaattoonni waltajichaa kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaafi godinichi qindaa'ee waliin akka hin guddanneef gufuu ta'aa turuus himaniiru.

Dhimma daangaa bulchiinsa magaalichaafi godina addaa naannaawwa finfinnee kanarratti Koreen bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina addaa naannawwaa Finfinneerraa walitti dhufee hundaa'ee qorannoo gad fagoo geggeessera jedhameera.

Waltajjii kanarrattis qorannoo dhihaate bu'ureefachuun mariin bal'aan geggeeffameera.Waliigaltee qorannoo fi qo’annoorratti hundaa’uun dhiyaateerratti marii bal’aan taasisfamuun kallattiin hojiirra oolmaa gara fuuldurraa kaa’ameera jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015