Manni Maree naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa yaa'ii idilee isaa taa'uu jalqabe.

56

Boongaa, Hagayya 3/2014(TOI) - Manni Maree naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa yaa'ii idilee isaa 2ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa taa'uu jalqabe.

Manni marichaa yaa'ii isaa har'a magaalaa Boongaatti jalqabe kanaan gabaasa raawwii hojii bara 2014 mana marichaa, mana murtii waliigalaa fi Waajjira odiitara muummichaa kan dhaggeeffatu yoo ta'u, Wixinee bajata bara 2015 irratti mari'achuun ni raggaasisa jedhamee eeggama.

Dabalataanis, manni marichaa wixinee baajata bara 2015, labsiiwwanii fi muudamoota garaagaraa dhiyaachuun irraatti mari’atamee akka raggaasisu eegamaa jedhameera.

Yaa’ichis guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015