Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa haala biyyaalessaa gamaaggamuun kallattii fuulduraa ka’e

4

Hagayya 2, 2014 (TOI) – Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen haala biyyaalessaa gamaaggamuun kallattii fuulduraa ka’eera.

Naannawaa hundatti hojiin nageenya mirkaneessuu nageenyaa Ityoophiyaaf bu’uura waan ta’eef, haala tikaa fi nageenyaa fooyyessuuf hunduu damee bobba’erratti hojii hojjetuu qulqullinaa fi ga’umsaan hojjechuu qaba jedheera.

Sodaawwan nageenyaa baatiwwan darban bu’uura taasiisuun rakkoolee muudatanii fi hojiilee raawwataman ka’umsa gamaaggamichaa ta’uu ibsameera.

Manni marichaa waltajjii Waxabajjii 1,taa’een dhimmoota hatattamaan raawwachuuf murteesse keessaa kanneen armaan gadii isaan tokko ture:-

1. Hoggantoota garee shororkeessitootaa fi hidhattoota isaaniirratti xiyyeeffachuun barbadeessuu,

2. Humnoota nageenyaa gantummaan diinaaf humna ta’anii fi sababa ka’umsa isaa adda baasuu,

3. Kutaalee hawaasaa garaagaraa mariisuun, qindoominaan walitti bu’insa uumamu hir’isuu,

4.Qaamolee ka’umsa sodaa fi taatoo sodAa ta’an adda baasuun gochicharraa akka of qusatan taasiisu,

5. Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisaanii ijaaruu fi caasaalee mootummaa diigaman deebisanaii gurmeessuun hojii eegalchiisuu,

6. Sochii Kontiroobaandii,shira Diinaagdee,Ajjeechaa, saamichaa fi gurmaa’iisa al idilee kkf dhaabsiisuu,

7. Dhaabbilee Haqaa fi Nageenyaa sirreessuuf kallattiin kaa’amee ture.

Kallattiiwwan kanneen bu’uura taasiisuun hojiilee mana marichaa murteessaa kan turan yoo ta’uu, rakkoo furuun, hudhaalee hir’isuun, nageenya waaraa mirkaneessuu fi sosochii diinagdeerratti hojiileen sadarkaa naannolee fi federaalaatti raawwataman jajjabeessaa ta’uu eereera.

Naannoo Oromiyaa godinaalee Shawaa, Wallaggaa fi Gujiitti garee shororkeessaa Shanee barbadeessuuf koomaandi poostiin hundaa’uu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa, hoggansi naannichaa fi humnoonni nageenyaa bobbii qindaa’aa gaggeessaa jiraachuu ibsameera.Haaluma kanaan hidhattoonni shanee kumni 3 fi 180 to’annaa jala ooluu fi warreen harka kennuu didan barbadeeffamuu eerameera.Dabalataanis seeliiwwan Abbaa Torbee, Al-Shabaabiifi ABUT hedduun to’atamuu kaafameera.

Oppireeshinichaan meeshaaleen waraanaa garichaa, konkolaattoonni, maallaqnii fi qabeenyi garaagaraa booji’amuu ibsameera.Gandoota diinaan qabamanii fi to’ataman kuma 1 fi 739 keessaa kumni 1 fi 255 irra deebiin gurmaa’uu akkasumas abbootiin warraa miseensota maatii kuma dhibba 2 fi kuma 52 fi 129 of keessatti haammatan kumni 47 fi 557 gara qa’ee isaanii duraatti deebi’uu ibsichi eereera.Bifuma walfakkaatuun hojii seera kabachiisuu qindaa’aa qaamolee nageenyaa, hoggansaa fi uummataan naannoo Amaaraatti fudhatameen shakkamtoonni hedduun to’annaa jala ooluu ibsameera.

Kanneen keessaa walakkaan qaamolee nageenyaa ganuun hidhattoota seer-maleeyyii deeggaraa kan turan, warreen hafan ammoo gochoota yakkaa garaagaraan barbaadamaa kan turan ta’uu eerameera.

Hidhattoota garee shororkeessaa ABUT irra goruun naannichatti walitti bu’iinsa uummataa uumuuf hojjechaa turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu eeruun, sadarkaa diinni namoota dabalataa hin arganne taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kaafameera.

Rakkoolee uummata Qimaantiin walqabatan furuuf akkasumas rakkoon nageenyaa godina Saba Oromootti uumamee ture akka hin hammaanne taasisuuf waltajjiiwwan marii qophaa’uun waliigaltee fooyyee qaburra ga’amuu eerameera.

Hanga ammaatti naannichatti walumaagala waltajjiiwwan marii uummanni miiliyoonni 6.6 irratti hirmaate gaggeeffamuu fi hoggantoota fi ogeeyyii 633 irratti tarkaanfiin of eeggannoo jalqabaarraa hanga to’annoo seeraa jala oolchuu fudhatamuu himameera.

Magaalaa Finfinneetti gama nageenyaa fi tasgabbii uummataa mirkaneessuun hojiilee gaariin hojjetamuu manni maree nageenyaa gamaaggama isaan hubachuu eerameera.

Magaalichatti miseensonni gareewwan ABUT, Shanee, Al-Shabaabii fi gareewwan finxaaleyyii 497 to’atamuu ibsameera.Miseensota gareewwan kanneenii waliin uffataaleen qaamolee nageenyaa, waraqaaleen eenyummaa sobaa, chaappaawwan, sanadoonni gocha shororkeessummaa qophaa’an, meeshaaleen elektirooniksii, meeshaaleen waraanaa, konkolaattonni, bilbiloonnii fi lakkoofsi herreega baankilee garaagaraa to’atamuu eerameera.

Shakkamtoonni yakkoota gurmaa’aa hogganuun shakkaman 314 to’annaa jala ooluu fi hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi mootummaa federaalaa gocha malaammaltummaan shakkaman 75 to’atamuu ibsameera.

Lafa weeraraan fudhatame deebisuu fi ijaarsi seeraan alaa irratti raawwatame iddoowwan kuma 1 fi 596rratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsichaan eerameera.

Hojiin magaalichatti hojjetame bu’aa kan argamsiise ta’uu manni maree nageenyaa kan mirkaneesse yoo ta’u, hojiin qaamolee haqaa qulqulleessuu haala ga’aa ta’een akka hin hojjetamne ibsameera.

Dabalataanis marii uummataa magaalichaa waliin taasifameen haala ga’aa ta’een walamantaa kan hin uumne ta’uu, qaamolee gocha shororkeessummaa keessatti hirmaatan kana caalaatti ifoomsuu fi to’achuun akka barbaachisu, malammaltummaa fi shira diinagdee bifa qabsiisuuf humna guutuu fi kutannoon hojjechuu kan barbaachisu ta’uu manni marichaa yaadachiiseera.

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti yaaddoon jiru yeroo yeroon hir’achuun nageenyi mirkanaa’aa dhufuu manni marichaa eereera.

Hidhattoonni naannichaa kan barbadeeffaman yoo ta’u, hidhattooni kuma 1 fi 826 to’annoo jala oolfamaniiru.Meeshalee waraanaa addaa 749 fi dhukaatuuwwan kuma 5 fi 639 kan booji’aman yoo ta’u, bidiruuwwan 9 fi kaampiiwwan diinaa 65 barbadeeffamuu ibsameera.Hidhattoota harka kennatan jireenyaa idileetti galchuu fi buqqaatotaa Godina Matakkalii fi Kaamaashii kuma 171 fi 485 hojiin dandamachiisuu gaggeeffameera.

Hojiileen nageenyaa mirkaneessuu naannichatti hojjetamaa jiraniin humnoonni diinaa dadhabsiisfamuu fi lammiilee dandamachiisuun haala gaariin gaggeeffamaa akka jiruu manni marichaa eereera.

Fuuldurattis gareewwan shanee fi juntaa waliin ta’uun naannawaa daangaatti socho’an guutummatti dhabamsiisuu, caasaalee mootummaa hojii eegalchiisuu, ijaarsa nageenyaan hidhattoota gara jireenyaa nagaatti deebisuun hojiilee eegamaniidha.

Hoggansii fi ummanni naannichaas yeroowwan hafanitti hojiilee kanneen qindoominaan akka hojjetan manni marichaa amantaa qabu ibseera.

Naannoo Ummattootaa Kibbattis hojiilee nageenya mirkaneessuu gaggeeffamaa jiruun, bu’aawwan jajjabeessan galmaa’aa jirachuu ibsuun gaaffiilee gurmaa’inaa hawaasa naannichaarraa ka’an adda baasuu fi daandii faayidaa ummataa mirkaneessuu fi nageenya biyyaa itti fufsiisuun furuuf hojjetamaa jira.

Haalonni gaaffilee ka’aan furuu mijachuurraan kan ka’ee humnoonni gurmaa’ina seeraan alaatiin dhiibbaa uumuu fedhan gara daandii nageenyaatti dhufaa jiraachuu ibseera.

Naannawa waldaangessanittis sochii shanee mul’atu qindoomina naannolee ollaa waliin dhabamsiisuun, gaaffilee fi komiiwwan ka’an addaa baasuun, karaa nagaa fi seera qabeessan akka furaman tumsuu, gaaffilee naannoo ta’uu faayidaa gochaalee seeraan alaaf akka hinoolleef humnoota fedhii akkanaa qaban dursanii adda baasuun tarkaanfiin barbaachisaan fudhatamuu akka qabu manni marichaa kallattii kaa’eera.

Naannoo Somaaleettis yaaddoo nageenyaa keessa fi alaa ittisuu, dandamachuu fi dhabamsiisuuf hojiilee murteessoon gaggeeffamaniiru. Haaluma kanaan humnootaa Alshabaab naannichaa seenaan hordofuun dhabamsiisu keessatti humnoonni addaa naannicha gahee olaanaa bahataniiru.

Hoggansi naannichaa ummata dammaqasuun diina dhabamsiisuuf sochii fakkeenyaa fi barsiisaa ta’e raaawwateera. Adeemsa kana keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa kan keessatti hirmaatu komaandi poostiin hundaa’uun, oppireeshinii gaggeeffameen miseensonni garichaa 813 ajjeefamuu fi 79 ammoo booji’amaniiru.

Meeshaaleen waraanaa hedduunis booji’amaniiru.Sochiilee kontiroobaandii to’achuu cimsuun meeshaalee sodaa ta’aan addaa baasuuf keellawwan to’annoo cimsaa jiraatanilleee, gochaa seeraan alaa guutummatti to’achuu dhabuun, walitti bu’iinsa gosoota gidduutti umaman furuuf hoggantoonni gosaa akkataa barbaadamuun socho’uuu dhabuun, raawwii bobbii nageenyaa irratti hanqinni naamusaa mul’achuun, sodaa Alshabaab dhabamsiisuun nageenyaa keessoo mirkaneessuuf ammallee hojiileen hafan akka jiran manni marichaa gammaaggama gaggeesseen hubachuu ibsameera.

Naannoo Afaaritti sochii kontirobaandii to’achuuf hojjetamaa jiraachuu manni marichaa kan eere yoo ta’u, keessumaa nageenya sararaa Ityoo-Jibuutii gama mirkaneessuun hojiilee murteessoon hojjetamuu, naannolee ollaa waliin rakkoolee nageeyaa furuuf tattafatamaa jiraachuu ibseera.

Faallaa kanaan sochii kontiroobaandii diinni harka keessaa qabu adeemsa isaa jijjiiruun, dirree isaa bal’isaa dhufuu, hanqinni qindoomina humnoota nageenyaa mul’achuu, walitti bu’iinsi gosaa miira itti gaafatamummaan furamuu dhabuun, hojiilee gaggeeffaman ga’umsan raawwachuu dhabuu manni marichaa gamaaggameera.Fuuldurattis dhimmoonni kunneen xiyyeeffannaa argatanii bu’aa barbaadamuu akka fidan kallattin kennameera.

Haala Naannoo Tigraayiitti mul’atus, karaa nagaa mariidhaan furuuf mootumman kallattii kaa’uu fi sochii qabatamaa taasiseera.

Marichi bu’aa hanga argamsiisutti itti fufuuf mootummaan kutannoo kan qabuudha.

Sodaa nannawichaatti mul’atus gabaasa dhiyaate irraa ka’uun manni marii nageenyaa kan gamaaggame yoo ta’u, haalonni jiran ga’umsaa humnoota nageeyaa ol waan hintaneef hordoffiin taasifamaa jiraachuu mirkanaa’eera.

Gamaaggamicharraa ka’uunis hoggansaa fi qaamolee nageeyaatiin hojiilee raawwatamuu qaban adda baasuun kallattii kaa’eera.

Walumaagalatti saaxilamummaa biyya keessaa hir’isuun, gama tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessuu jijjiiramni olaanaan dhufuu, uummanni dhimmi nageenyaa fi tasgabbii mootummaa qofaaf kan dhiifamu akka hin taane hubachuun abbaa hojichaa ta’aa jiraachuu gamaaggamamuu eerameera.

Gama biraan hojiileen kan hin xumuramne ta’uu, caasaan nageenyaa fi tasgabbii hamma eegamuu qulqullaa’uu dhabuu, xiinsammuu hoggansaa fi uummataa cimsuurratti haala eegamuun hojjetamuu dhabuu, qindoomina ABUT humnoota keessaa fi alaa waliin taasisu barbaadu fashaleessuuf hanga barbaadamuun hojjetamuu dhabuu manni marichaa eereera.

Dhimmoonni kunneen xiyyeeffannoo fi kutannoo barbaachisaa ta’een hojjetamuu baannaan nageenyi fooyya’aan argame waaraa ta’uu akka hin dandeenye gamaaggamamuu ibsameera.

Kanaaf hojiileen armaan gadiitti eeraman kutannoo fi wareegama hoggansaa, qaamolee nageenyaa fi uummataan hojjetamuu akka qaban kallattiin kaa’ameera.

1. Shororkeessitoonnii fi hidhatoonni sadarkaa yaaddoo hintaanerran ga’uu,

2. Ummata mariisisuun, humnota hidhatan waliin waliigaltee uumuu, daraggoota hojiilee nageenyaarratti hirmaachisuun, hojiilee nageenyaa waaraa mirkaneessan hojjechuu,

3. Qaamolee haqaa qulqulleessuu fi cimsuun nageenya biyyaalessaaf gahee irraa eegamuu akka bahatan taasisuu,

4. Shiroota diinagdee ummanni akka roorrisuu taasisan, malaanmaltummaa, kontiroobaandii, daddabarsaa maallaqaa seeraan alaa fi kanneen biroorratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun hawaasni akka boqonnaa argatu taasisuu,

5. Sadarkaa hundaatti hoggansa jiru addaa baasuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun, hoggansaa dammaqaa uumuu,

6. Ayyaanota ummataa fi amantaa, gaaffilee sadarkaa bulchiinsaa fi sabummaa, diinni bu’aa kaayyoo isaa galma geessisuu akka hin taasifanneef qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu,

7. Afaarii fi gosa Iisaa gidduu, sodaa nageenyaa naanoo Amaaraa fi Bulchiinsa Godina addaa Oromootti mul’atu itti fufiinsaan furuuf hojiilee siyaasaa fi nageenyaa sirrii hojjechuu,

8. Al-shabaab, biyya keessaa fi alaa waliin qindoomuun yaaddoo nageenyaa akka hintaanetti qindoomina qaamolee nageenyaa fi hawaasaan ala bu’aan kamuu akka hin argamne kan darberraa baranneerra. Fuuldurattis kana cimsanii itti fufsiisuu barbaachisa. FBC