Oromiyaatti dureeyyota kaappitaala birrii biliyoona 178 galmeessaniif heeyyamni hojii invastimatii laatameera

101

Adoolessa 28/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaatti dureeyyoota kaappitaala birrii biliyoona 178 galmeessaniif heeyyamni hojii invastimatii laataamuu sadarkaa Pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara magaalootaa naannichaa obbo Addisuu Araggaa beeksisan.

Obbo Addisuu Araggaa akka TOItti himanitti naannichi bara bajataa darbe yaa'insa hojii invastimatii fooyyee qabu keessummeessera.

Bara bajataa darbetti dureeyyoonni kaappitaalaa birrii biliyoonaa 178.8 galmeessaan 3583 heeyyama hojii invastimatii argachuu himaniiru.

Hojiin dureeyyoonni kunneen irratti bobba'an keessaa Manufaakcheringii, Qonna qindaa'afi qindeessa oomishaalee qonnaa,Ijaarsa,Hootelaafi Turizimii, Oomisha Albuudaafi misooma Bunaafi kanneen birooti.

Dureeyyoota heeyyama Invastimatii argatan kanneen keessa Qonnaan bultoota, Horsiise bultootafi inrapiraayizoonni gara dureeyyootaatti ce'an hedduudha.

Hojiin dureeyyoonni kunneen irratti bobba'an kun lammilee kuma 534 ta'aniif carraa hojii dhaabbiifi yeroo kan uumanidhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015