Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Biyyaalessaa jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Biyyaalessaa jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
77
Adoolessa 28/2014 (TOI) – Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Biyyaalessaa jalqabaa mata duree ‘Intarneetii misooma hunda hammateef’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Biyyaalessaa qopheessummaa Ministeera Innoveeshinii fi Tekinolojii geggeeffama jiru kun bakka buutoota hoggantoota mootummaa,, dhaabbilee dhuunfaa, Waldaalee Sivilii, dhaabbilee barnootaa olaanoofi qooda fudhatoonni biroon argamaniiru.
Yaa'iin kun qaaman bakka walga'ichaatti argamuu fi karaa toora intarneetaa fayyidaa dinagdeefi hawaasummaa, waliinga'insa Intarneetii,Intarneeta argachuu akka mirga bu'uuraatti yaadota jedhan irratti mari'atama.