Manni marichaa bajata bara 2015 qarshii biiliyoona 10 ol raggaasise

70

Adoolessa 26/2014(TOI) - Manni Maree Naannoo Affaar bajata bara 2015 qarshii biliyoona 10fi miiliyoona 132 fi kuma 869 raggaasiseera.

Manni marichaa guyyoottan darbaniif yaa’ii idilee gaggeesserratti raawwii qaamolee hojii raawwachiiftota dabalatee gabaasaa raawwii dhiyaataanirratti mari’achun sagalee guutuun raggaasiseera.

Manni marichaa oolmaa guyyaa har’aatiin wixinee bajataarratti Hogganaa Biiroo Maallaqaafi Misooma Dinagdee Naannichaa Obbo Ahimad Mahaammad ibsa kennaniin, bajatichi bu’uuraalee misoomaa hawaas-dinagdee garagaraa babal’isuuf akka oolu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015