Manni maree Naannichaa bajata birrii biliyoona 31.6 raggaasise.

91

Adoolessa 26/2014(TOI) - Manni Maree naannoo Somaalee bajata bara 2015 birrii biliyoona 31.6 raggaase.

Yaa'iin idile 3ffaa manni marichaa guyyoota 3'f geggeessaa ture kaleessa xumurameera.

Yaa'ii kanarratti hogganaan biiroo maallaqaa naannichaa obbo Abduramaan Ahimad wixineen bajata bara 2015 birrii biliyoonaa 31fi miliyoonaa 687fi kuma 160fi 384 ta'uu himaniiru.

Xiyyeeffannoon bajata bara kanaas karaa waaraa ta'een rakkoo hongee qolachuuf hojiiwwaan misoomaa gargaaraan, karoora midhaan nyaataan of danda'uuf ka'aame milkeessuu, misoomaa qonnaafi qabeenyaa beelladaafi pirojeektoota buleeyyii xumuruudha.

Karoorri kunis karoora waggaa kudhanii mootummaa baaseefi haala qabatamaa naannichaa jiddugaleessa kan godhatedha jedhaniiru.

Bajata kana keessaa biliyoona 21 kan ta'u mootummaa Federaala irraa kan argamu yoo ta'u, kan hafe immoo dhaabbilee gargaarsaa fi mootummaa naannoo irraa kan argamudha jedhameera.

Bajanni bara kanaa kan bara darbee caalaa harka 8 guddina kan qabu ta'uu himuun, bara bajataa kana galii birrii biliyoona 9 walitti qabuuf karoorfameera jedhaniiru.

Manni marichaa gabaasa raawwii hojii mana murtii waliigalaafi Wajjira Odiitii naannichaa dhaggeeffachuun Pirezidaantii mana murtii walii galaa naannichaa muuduun yaa'iisa xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015