Itiyoo - Telekoom bara bajataa darbe galii birrii biliyoona 61.3 argate.

71

Adoolessa 21/2014(TOI) - Itiyoo - Telekoom bara bajataa 2014 galii birrii biliyoona 61.3 argachuu beeksise.

Hoji geggeessituun olaantuun Itiyoo - Telekoom Firihoot Taammiruu raawwii hojii Kubaaniyichaa kan bara 2014 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ibsa isaanis Kubaaniyichi bara kana keessa tajaajila kennu babbali'usuufi qulqullina isaarratti hojiin bal'an hojjetamuu himaniiru.

Kanaanis Maamiltoonni dhaabbatichaas miliyoona 64 gahuuf karoorfamee miiliyoona 66 ga’uu himan.

Sababa walitti bu’iinsaan dhaabbilee Ityoo Teelekoom %45 tajaajila utuu hin kennin Birrii biiliyoona 61.3 galii walitti qabuus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015