Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan biqiltuuwwan biliyoona shan ol dhaabamaniiru

65

Adoolessa 19/2014(TOI) - Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan biqiltuuwwan biliyoona shan ol dhaabamuu Koreen Teknikaa Sagantaa Ashaaraa Magariisa Biyyaalessaa beeksise.

Sagantaa Ashaaraa bara yeroo 4ffaaf gaggeeffama jiru kun mata duree “Ashaaraa keenya daa’imman keenyaa” jedhuun biqiltuuwwan biliyoona jaha dhaabuuf karoorfame adeemsifamaa jira jedhame.

Kana milkeessuufis hojii hanga ammaatti hojjetameen adeemsa milkaa’inarra akka jiru Qindeessan korichaaDoktar Adafarris Warquu turtii TOI waliin taasisaniin dubbataniiru.

Hanga ammaattis biqiltuuwwan gosa garagaraa biliyoona shan dhaabamuusaanii himanii, biqiltuuwwan biyya keessaafi misooma bosonaaf xiyyeeffannoon kennamusaa ibsaniiru.

Milkaa’ina karoorichaaf hanga Adoolessa dhumaatti dhaabbiin biqiltuu akka itti fufu dubbatanii, hojiin kunuunsaas akka itti fufu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015