Waltajjiin Marii Walitti Dhufeenya Naannolee Oromiyaa Fi Amaaraa Cimsuuf Kaayyeeffatee Qophaa'e S'aatii Muraasa Booda Ni Jalqaba

77

Ambo Ebla 13/2011 Waltajjiin marii walitti dhufeenya naannolee Oromiyaa fi Amaaraa caalaatti cimsuuf karoorfamee qophaa'e sa'aatii muraasa booda ni calqaba.

Waltajjiin magaalaa Amboo galma Yunivarsiitii Amboo keessatti adeemsifamu kana irratti hoggantoonnii fi hawaasni naannolee lamaanirraa dhufan walumaa gala keessummoonni kuma tokko ta'an ni hirmaatu.

Waltajjiin kun osoo hin jalqabamiin dura gugsiin fardaa adeemsifameera.

Waltajjii kanarratti waraqaaleen qu'annoo ni dhihaatu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015