Intarpiraayizichi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiheessaa jira.

284

Adoolessa 17/2014(TOI) - Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa oromiyaa damee Baalee sanyii filatamaa sadarkaa qulqullina isaa eeggate qonnaan bulaa biraan gahuun jiruu isaa fooyyessuu irratti xiyyeefatee hojjachaa jiraachuu hime

Intarpiraayizichatti Hoji geeggessaan dame baalee obboo Caalaa Abbabaa akka jedhanitti intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa xiqqeessuun oomishtummaa dabaluuf hojjachaa jira jedhan.
Intarpiraayizichi sanyii akaakuu gara garaa bara dabre oomishe kan facaasaa yeroo kanaatiif oolu kuntaala 232,000 tahu raabsuu irratti kan argamu tahuus ibsee jira.

Sochii hanga ammaatti taasifameenis dhibbentaa 70 tti siiqu qonnaan bulaa bira gahuus eeruun kanneen hafanisakkaataa qilleensa godinootaatiin kan raabsamu taha jedhan.

Raabsaan sanyii filatamaa godinaalee Baalee lamaanii,Gujiif Arsii lixaa kanneen caalmaan sanyii intarpiraayizichaa fayyadaman biratti tahuus eeran.

Sanyiileen intarpiraayizichaan raabsamaa jiran dhibee waagii dandamachuun calla gaarii kanneen kennan qamadii galaan,daakaaf bullaallaa jedhaman dabalatee boloqqeef baaqelaan keessatti argamas jedhan.

Sanyiileen kunneen jiddugala qorannoo qonna sinaanaaf qulumsaa dabalatee jiddugalaoota biyyaa biro irra kanneen qorannoon bahan tahuus eeran.

Intarpiraayizichi sanyiilee bu’ura duraa qorannoolee qonnaa irraa argate baay’isuun haala itti fayyadama sanyichaa irrattis qonnaan bulaa kan leenjisu tahuus himan.

Keessattuu leenjiin gochaan deeggarame kanneen qonnaan bultootaaf wiirtuu qonnaan bulaa filataman keessatti kennamu fayyadamtoota sanyii intarpiraayizichaa dabalaa dhufuu eeran.

Hojigeeggessaa ol’aanaan intarpiraayizii sanyii filatamaa oromiyaa Doktar Ashinee Boggaalaa gama isaaniitiin facaasaa yeroo ammaatti hanqinni sanyii filatamaa akka hin mudanneef sanyii akaakuu gara garaa kuntaala 588,900 ol raabsaa jiraachuu himan.

Sochii hanga ammaatti taasifameen godina Baalee dabalatee godinaalee oromiyaa birootiif kuntaalli 448,988 raabsuun dandahamuu himan.

Akka Doktor Ashineen jedhanitti intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa akka biyyaattis tahe akka naannichaatti mul’atu furuuf bara 2015 tti lafa intarpiraayizichaaf kanneen biroheektaara 38,000 irratti sanyii bal’innaan baay’isuuf hojjachaa jiraachuu akeekan.

Qonnaan bultoonni godina baalee aanaa Agaarfaa gama isaaniitiin sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuun isaanii oomishtummaa isaanii dabaluuf kan qarqaaru tahuu dubbatan.
Intarpiraayiziin sanyii filatamaa oromiyaa dame baalee qonnaalee Godina Baalee sinaanaa,roobeef akkasumas Arsii lixaatti kan argaman heeraroo,hunxeef billittoo siraaroo heektaara kuma 17,000 ol tahan kan bulchu tahuu ragaan intarpiraayizichaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015