Yuunvarsiitiin Poolisii Itoophiyaa miseensota poolisii leenjisaa ture eebbisiisaa jira

69

Adoolessa 16/2014 (TOI)- Yuunvarsiitiin Poolisii Itoophiyaa miseensota poolisii sagantaalee garaagaraan leenjisaa ture kuma 1 fi 631 eebbisiisaa jiraachuu ibsame.

Sagantaa eebbichaarratti Pirezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantooonni mootummaa olaanooniifi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Yuunvarsiitichi sadarkaa digirii 2ffaa, digirii jalqabaa, dippiloomaa fi sartifikeetaan leenjisaa ture eebbisiisaa kan jiru yoo ta’u, leenjifamtoonni kunneen dame saayinsii poolisii, sirna yakkaa fi qorannoo yakkaan barnoota isaanii hordofaan turan ta’uu eerameera.

Dabalataanis sirna eebbaa cinaatti hoggantoota olaanoof guddinni sadarkaa kan kennamu ta’uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015