Bara bajataa xumurame diyaaspooraan doolaara biliyoona 4 gara biyyaatti ergeera.

80

Adoolessa 15/2014(TOI) - Bara bajataa 2014tti Diyaaspooraan Itoophiyaa doolaara biliyoona 4.2 gara Itoophiyaatti erguusaa Tajaajilli Diyaaspooraa Itoophiyaa beeksise.

Itti aanaan daarektara Tajaajila Diyaaspooraa Itoophiyaa doktar Mahaammad Idiris akka himanitti, barri bajata 2014 bara hirmaannaan diyaaspooraa Itoophiyaa damee hundaan guddina cimaa mul'iseedha.

Haalawwan rakkisoo Itoophiyaan dabarsitee Diyaaspooraan dhimma biyya isaarratti gama hundaan hirmaannaa cimaa akka taasisu sababa ta'eera jedhan.

Hojii investimantii, daldala, Dhimma biyyaarrattifi raawwii pirojeektootaan baroota darban caalaa sosochii gaarii taasiseeras jedhaniiru.

Bara bajatichaatti diyaaspooraa irraa doolaarri(Rimitaansiin) Biliyoona 4 ni argamaa jedhamee kan karoorfamee yoo ta'uu doolaarri biliyoona 4.2 argamuu danda'ameera jedhaniiru.

Raawwii pirojeetoota biyyaaf fi bakkeewwan sababa adda addaan miidhaman gargaruuf diyaaspooraan doolaraa biliyoona 1.5 deeggarsa taasiseera jedhan.

Bara bajataa kanatti miseenoonni diyaaspooraa kumni 1 akka hojii investimantiirratti bobba'an karoorfamee miseensoonni diyaaspooraa 1800 ta'aan hojii kanarratti hirmaachuuf adeemsarra jiru jedhaniiriu.

Diyaaspooraan Itoophiyaa gama hojii dippilomaasii hawaasanis maqaa gaarii Itoophiyaa mul'isuu keessaatti gahee olaanaa bara itti raawwatan ta'uu eeruun miseensoonni diyaaspooraa Itoophiyaa kun deeggarsa kana caalaatti cimsanii akka itti fufan gaaffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015