Daandiin Xayyaarichaa Xiyyaara Afru Dash 8-400” jedhamu gara kaargootti jijjiiruuf dandeessissuu dhiyeessuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

64

Adoolessa 14/2014(TOI) - Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaafi Kaampaani xiyyaara oomishuu “De Havilland”meeshaalee jijjiirraa xiyyaara afur “Dash 8-400” gara kaargootti jijjiiruuf dandeessissuu dhiyeessuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltee kanas Hojii Gaggeessaa Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasowu fi Pireezidaantii Itti aanaan tajaajila mammiiltootaa kaampaanichaa ‘Flip Pautesio’ mallatteessaniiru.

Sirnichaa irrattis Obbo Masfiin akka jedhanitti tajaajilli Kaargoo sochii Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa turu himan.

Keessattuu wayita vaayiraasii koroonaa muudateetti Daandii xiyyaarichaa kufaatti irraa olchuuf tajaajilli Kaargoo bal’inaan eeggalamuun carraa guddaa uumeera kan jedhan Obbo Xaasowun,kanaafis wayita ammaa xiyyaaroota “Dash 8-400” tajaajila turan tajaajila Kaargoo akka kennaniif taasisuun qopheessuun gumaachaa xiyyaaroota kunneeni ni guddisaas jedhaniiru.

Akkasumas xiyyaaroonni“Dash 8-400”Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa tajaajila turan gara Kaargootti jijjiiruun faayidaa xiyyaaroonni kenneen kenna turan hundaa galeessa ni taasisa kan jedhan ammo Pireezidaantii Itti aanaan tajaajila mammiiltootaa kaampaanichaa ‘Flip Pautesio’

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015