Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti uummata waliin dhaabbatee hojii misoomaa hojjechuunis goota misoomaati.

102

Adooleessa 12/2014(TOI) - Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti uummata waliin dhaabbatee hojii misoomaa hojjechuunis goota misoomaati jedhan itti aanaa ajajaa Iizii 8ffaa mejer jeneraal Alamaayyoo Waldee.

Miseensonnii Raayyaa Ittisa Biyyaa Iiziin 8ffaan aanaa Raayyaa- Qobboo gaaraa Zoobil irra biqiltuu dhaabaniiru.

Itti aanaan ajaja Iizii 8ffaa Mejer Jeneralaa Alamaayyoo Waldee sirna dhaabbi biqiltuu kanarratti argamuun akka himanitti Rayyaan Ittisa biyyaa goota dirree waraanaa qofaa osoo hin taane, uummata waliin ta'uun hojii misoomaa hojjechuunis goota adda dureedha jedhaniiru.

Miseensoonni Raayyichaa bakka itti garee shororkeessaa waraanaan injifatee gaarreen wal qabatoo Zoobil irra biqltuu fayidaa adda addaa qaban dhaabeera jedhaniiru.

Ummannifi Raayyichi qindoominaan hojechaa jiraachuu himuun miseensoonni raayyichaas dirqama itti laatame cinaatti hojilee misoomaa adda addaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Miseensonni raayyichaa dhaabbi biqiltuu kanarratti hirmaatanis gama isaaniin uummanni naannoo kanaa oolmaa guddaa raayyaa ittisa biyyaaf oluu himanii, dhaabbiin biqiltuu kunis ummata kana gargaruuf akka ta'e himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015