Yaa'iin Haraarii yaa'ii idilee isaa geggeessuu jalqabe.

68

Adoolessa 12/2014(TOI) - Yaa'iin Hararii yaa'iisaa marsaa 6ffaa waggaa 2ffaa geggeessuu jalqabe.

Yaa'icharrati pirezidaantii naannoo Hararii obbo Oradiin Badiriifi hoggantoonni biroon argamniiru.

Yaa'iin kun guyyaa tokkoof kan turu yoo ta'u, gabaasinni hoji raawwachiiftuu yaa'ichaa kan bara 2014 dhihaachuun irratti ni mari'atama jedhameera.

Yaa'ichaan karoorri tarsimoo waggaa 4 fi karoorri bajata bara 2015 dhihaatee ni murteeffama jedhameera.

Dabalataanis yaa'ichi fillannoo koree dhaabbii ni geggeessa jedhameera.

Miseensotaa 14 kan qabu Yaa'iin Hararii, akkaataa heerrii naannoo Hararii aangoo laateefiin Afaan, Seenaafi Aadaa uummata Hararii akka eeguu, akka misoomsuu ni hojjetu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015