Gaazexessitoonni miidiyaalee garaagaraa sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltoota dhaaban.

92

Adoolessa 12/2014(TOI) - Gaazexessitoonni miidiyaalee garaagaraa sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltoota dhaaban.Sagantaa Waajjirri Ministirri Muummee Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaaf qopheesseen gaazexeessitoonni miidiyaalee biyya keessaa fi alaarraa walitti bobba’an jiddugala biqiltuuwwanii Gullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa kanarratti Hoggantuun Pirees sakiraetaarat waajjira Ministira Muummee Biilenee Suyyuum fi hojjetoonni waajjirichaas irratti hirmaataniiru.

Sagantaa kanaan biqiltoota sanyiin isaanii kan Itoophiyaa ta'edha jedhameera.

Sirna kanarratti haasaa kan taasisaan Biillenii Suyyuum Itoophiyaannoonni wabii midhaan nyaatan of danda'uufi jijjirama qileensaarra damdamachuuf sagantaa ashaaraa magariisaa kana cimsuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen hojii ashaaraa magariisaa kanaan biqiltoonni dhaabbachuu isaanii qofaa osoo hin taane kanneen dhaabaman kana kununfamaa jiraachuu isaaniis duukaa bu'anii hordofuun gabaasuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015