Instiituyitichi biqiltootaa biyya keessa miliyoona 2 qopheessuun gara dhaabbuu jalqabeera.

80

Adoolessa 11/2014(TOI) - Inistitiyuutii Heddummina Lubbuu Qabeeyyii Itoophiyaa sanyii biqiltootaa Itoophiyaa kan ta'aan qofaaa miliyoona 2 qopheessuun dhaabuu eegaluu himaniiru.

Hoggantoonniifi hojjetoonnii Institiyutiichaa naannoo kibbaa godina kambaataa xambaarrootti sagantaa biqiltoota dhaabuu geggeessaniiru.

Daarektarri Institiyuutichaa doktar Mallas Mariyoo akka himanitti osoo sagantaan ashaaraa magariisaa hin jalqabiin dura Institiyutichii biqiltoota miliyoona 1 dhaabaa ture.

Erga sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabees saganticha deeggaraa tureera jedhaniiru.

Insitiyuutichi sagantaa ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyaatti bara kana yeroo 4ffaaf geggeeffamaa jiruuf sanyii mukkeen Itoophiyaa qofaarraa biqiltoota miliyoona 2 ol qopheessuun dhaabuu jalqabu himaniiru.

Guyyaa har'aas hoggantoonnii fi hojjetoonni Institiyutichaa biqiltoota kanneen keessaa kuma 3 godina Kambaataa xambaarroo aanaa naannawwaa Adilootti kan argamu sulula maati'obaatti dhaabuu himaniiru.

Dhaabbii biqiltootaa kanarratti hawaasnii naannoos hirmaachuu himaniiru.

Dhaabbii biqiltootaa kanaan boodas naannoo kibbaa godina Hadiyyaa magaalaa Shoneetti bakka institiyutichii biqiltoota kanneen biqilchuun qopheessu ni daawwata jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015