Pirezidaantoonni lamaan daangaa naannolee lamaaniirratti biqiltuu dhaaban.

68

Adoolessa 11/2014(TOI)- Pirezidaantiin naannoo Amahaaraa doktar Yiliqaan Kaffaaloo fi pirezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan sagantaa ashaaraa magariisaan naannawaa daangaa naannolee lamaan biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan naannoo Beenishaan gul gumuu godina matakaliifi naannoo Amaaraa godina bulchiinsa sablammii Awii bakka aanaa Gongaatidha.

Naannichaatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltoota biliyoonaa 1.4 dhaabuuf kan karoorfamee yoo ta'u baatii waxabajjii 2014 irraa jalqabee hirmaannaa uummata cimaa ta'een biqiltoonni miliyoona 536 dhaabamuun himameera.

Torban darbee sagantaa guyyaa tokkootti biqiltoota dhaabuu qofaan biqiltoonni miiliyoona 263 dhaabamuu himameera.Naannoo Amahaaraatti haga ammaatti sagantaa kanaan lafa heekataaraa kuma 60 fi 500 irra biqiltoota dhaabuu keessaatti namoonni miliyoona 5 ta'an hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015