Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara 58 jallisiidhaan misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara 58 jallisiidhaan misoomaa jira
Ambo Mudde 18/2011 Godina shawaa Lixaatti lafti heektaara 58 jallisiidhaan misoomaa akka jiru waajirri abbaa taayitaa misooma jallisii godinichaa beeksise.
Misooma jallisii Bona baranaa irraa galii fooyya'aa argachuuf hojjechaa akka jiran yaada isaanii kan kennan qonnaan bultoonni aanaa Iluu galaanii fi Daannoo Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajirichaa obbo Taklee Iddoosaa akka jedhanitti , marsaa jalqabaa kan hojjetamu misoomni jallisii bara kanaa ciminaan adeemsifama jira.
Amma ammaatti qonnaan bultoonni kuma 32tti hiiqan lafa heektaara kuma 58 irratti kuduraa fi muduraa akkasumas boqqoolloo misoomsaa jiru.
Godinichatti marsaa lamaan jallisiidhaan misoomsuuf karoora qabame lafa heektaara kuma 100 irraa oomishni kuntaala miiliyoona 19.5 ni argama jedhamee akka eegamu obbo Takleen beeksisaniiru.
Godinichatti aana Iluu Galaan jiraataa ganda Iluu qonnaan bulaan Mokonnon Bajigaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf yaada kennaniin, kana dura oomishni rooba eeganii oomishan nyaatanii buluu irra hin dabarre.
Yeroo dhihoo asitti hojii misooma jallisii irratti bobb'uu isaaniitiin bu'aa qabatamaa argachaa akka jiranii fi jireenyi isaaniis jijjiiramaa akka jiru ibsaniiru.
Bara 2004 irraa kaasee qonna gannaa cinatti hojii misooma jallsii akka eegalan kan dubbatan qonnaan bulaan kun, bara oomishaa darbe timaatima lafa heektaara tokko irratti misoomsan irraa galii birrii kuma 30 argachuu isaaniifi mana qorqoorroo ijaarrataniiru.
Akkasumas qonnaan bulaa aanichaa kan ta'an obboToleeraa Abeebee isaan dabalatee qonnaan bultoonni baayi’een kana dura waa'ee misooma jallisii hubannoo waan hin qabneef waggoota dheeraaf fayyadamaa osoo hin ta'iin turuu isaanii yaadataniiru.
Bara 2005 hubannoo ogeeyyota qonnaarraa argataniin qonnaan bultoonni gandichaa fayyadamoo misooma jallisii ta'uusaanii dubbatanii, oomishni rooba eeganii oomishan kuntaala 10-13 akka hin caalle himaniiru.
Misooma jallisiitiin lafa heektara 2 irratti Dinnicha,Timaatima fi raafuu oomishuudhaan waggaatti birrii kuma 50 galii dabalataa akka argatan ibsaniiru.
Galii argataniinis magaalaa Ijaajjiitti mana abbaa kutaa lamaa ijaarrataniiru, birrii kuma 10 mana baankiitti qusataniiru.
Aanaa Daannoo jiraataa ganda qonnaan bulaa Dirree Alayyuu kan ta'an obbo Magarsaa Oliiqaa gama isaaniitiin, lageen naannoo isaanii jiran jallisuudhaan waggaa darbe misoomma galii birrii kuma 43 ol jallisiirraa argatan caalaa argachuuf cimanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.