Naannichatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan bilqiltuun Avokaadoo lafa heekataara 4000 irraa ni dhaabbata. - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan bilqiltuun Avokaadoo lafa heekataara 4000 irraa ni dhaabbata.

Waxabajjii, 27/2014(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan lafa heekataara 4000 irraa biqiltuun Avokaadoo oomishinni isaa gabaa alaaf oolu akka dhaabamu Pirezidaantii naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan godina Shawaa bahaa aanaa Lumee ganda Shiraa Dibaandibaatti argamuun biqiltuu Avookaadoo dhaabaniiru.
Jilli obbo Shimallis Abdiisaan durfamu kanaan dura biqiltuu Avookaadoo aanaa Lubee ganda Dibaandibaa fi aanaa Booraatti dhaabbamanii turanis daawwateera.
Obbo Shimallis sagantaa ashaaraa magariisaa bara kana akka naannootti kaleessa godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Yaayyootti kan jalqabsiisaan yoo ta'u, guyyaa har'aa immoo godina shawaa bahaa aanaa Lumee gada Shiraa dibaandibaatti biqiltuu avookaadoo oomishinni isaa gabaa alaaf oolu dhaabaniiru.
Sirna kanarratti obbo Shimallis akka himanitti naannichatti hanga ammaatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltoonni miiliyoona 1.2 kan dhaaman yoo ta'uu, karoora naannichaa kan ta'e sagantaa ashaara magariisaa bara kanaan biqiltoota biliyoona 4.8 dhaabuuf hojii hojjetamu keessatti lammileen hunduu akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.
Akka naannichaatti bara kana biqiltuu Avookaadoo oomishinni isaa gabaa alaaf oolu lafa heektara 4000 irra dhaabuuf karoorfamuu himaniiru.
Kunis Avookaadoo oomishinni isaa gabaa alaatti ergamu akka naannichaatti lafa heektaara10 irratti akka oomishamuu kan dandeesisudha jedhaniiru.
Haaluma walfakaatuun biqiltuun Muuzii,Pappaayyaafi bunaa akkasuma oomishinni baala shaayee ni hojjetama jedhaniiru.