Yaa'aballootti Baalli Sammuu Hadoochu Kiiloogiraamni Kuma 1 Fi 200 Ol Madaalu Qabame

57

Ebla 10 /2011  Kaanaabiis jedhamee kan beekamu baalli sammuu hadoochu jiddu galeessa biyyaarraa gara Mooyyaalee geeffamaa ture qabamuusaa qindeessaan buufata to'annaa galii fi gumuruukaa Mooyyaalee beeksisan.

Qindeessichi Inispeektar Alamuu Yimar akka ibsanitti, baalli sammuu hadoochu kun kan qabame kaleessa sakatta'iinsa hojjettoota to'attoota galii fi gumurukii Yaa'aballootiin taasifameeni.

Baala sammuu nama hadoochu kana konkolaataan fe'umsaa lakkoofsa gabatee koodii 3-57519 'ET' Siinoo Tiraakiin osoo fe'ee deemaa jiruu kan qabame jalaan cirracha manni ittiin ijaaramu fe'uudhaan dhoksuun akka ta'e dubbataniiru.

Konkolaachisaa fi gargaaraansaa yeroof miliqanis hordofamaa akka jiran Inispektar Alamuun beeksisaniiru.

Sakatta'iinsa hojjettoota buufata to'annootiin kan qabame baalli sammuu hadoochu kun birrii miiliyoona shanitti kan shallagamu akka ta'es eeraniiru.

Baatii darbes karaa wal fakkaatuun sakatta'iinsa taasifameen baalli sammuu hadoochu Kaanaabiis kan jedhamu  hedduun qabamuusaa ibsa qindeessichaarraa hubachuun danda'ameera.

Inispeektarichi akka jedhanitti, seeraan kan dhoowwame baala sammuu nama hadoochu osoo deddeebisuu kan argame hidhaa waggaa shan caaluu fi maallaqaan ni adabama.

Buufanni to'annoo gumuruukii Yaa'aballoo sochii seeraan alaa ittisuuf federaala, Oromiyaa fi ummata waliin ta'uun hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015