"Tokkummaa keenya cimsuun shira warreen guutinsa bishaanii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 3ffaa gufachiisuu barbaadaanii fashaleessuu qabna"

86

Waxabajjii 24/2014(TOI) - Tokkummaa keenya cimsuun shira warreen guutinsa bishaanii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 3ffaa gufachiisuu barbaadaanii fashaleessuu qabna jedhan hayyoonni TOI dubbise.

Hidhicha marsaa sadaffaaf bishaan guutuuf hojii hojjetamu cinaatti hojiin dippilomaasiis qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Itoophiyaa ilaalchisuun biyyoota Arbaatti seenaawwan jallataan falmuun kan beekaman hayyuun seeenaa gargaaraan piroofesara Adam Kamaal akka himanitti warri Gibtsi dhimma laga abbayyaa irratti dhaalota isaanii gara ofii barbaadanitti hubachiisuuf xiqqaa hanga guddaatti xiyyeeffannoo addaan irratti hojjetaniiru.

Laga abbaayyaaf bishaanii hedduu kan gumaachitu Itoophoyaan garuu gama dippilomaasiin dhugaa jiru hubachiisuufi sirna barnootaa keessattis akka barbaadamutti kaa'uun dhaloota waa'ee lagichaa barsiisuurratti baay'ee hin hojjenne jedhaniiru.

Kanaafis jecha Gibtsi Itoophiyaan laga abbaayyaarraa fayyadamtuu akka hin taane weerara waraanaarra jalqabee dhagaan isheen hin garagarshine hin jiru jedhaniiru.

Itoophiyaanis humna isheen laga abbaayyaa hiitee itti fayyadamuuf karaa jalqabdeetti jedhaniiru.

Ijaari hidha haaromsaa Itoophiyaa harki 40 yeroo xumuramu Gibtsi Itoophiyaan humna isheen hidhicha xumuruuf akka dandeessuu akka hubatteen iyyannoo bu'uura hinnqabneefi hanga yaa'ii dhimma nageenyaatti geessuun dhiibbaa geesisuuf yaalii gochuu ishee yaadachiisaniiru.

Kanaan dura hayyoonni Gibtsi qulqullina ijaarsaafi guutinsa bishaanii hidhichaarratti falmiin isaan kaasan waan jalaa fashalaa'eef amma immoo guutinsi bishaanii hidhichaa marsaan sadaffaan waan dhihaateef qabxii falmii biraa kaasuun jette jettee facaasuu eegalaniiru jedhaniiru.

Sodaan Gibtsi yeroo hidhichi xumuramee hanqina bishaaniitu na mudata kan jedhu miti jedhaniiru.

Sodaan Gibtsi biyyaa sanatti Kubbaniyaawwan Saawud Arabiyaafi Immireetootaa kuma 7 doolaaraa biiliyoona 30 oliin hojii Investimetii hojjetan gara Itoophiyaa deemuu yoo hidhi kun xumurame kan jedhudha jedhaniiru.

Odeeffannoo sobaa Miidiyaaleen Gibtsi fi Arabaa hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa ilaalchisuun afarsaan saaxiluunnkan beekaman Ustaas Jamaal Bashir gama isaaniin rakkoon biyyoota arbaa waliin qabnu inni guddaan Bishaanidha jedhan.

Kanaan Gibtsi Itoophiyaa biyyoota Arabaa waliin walitti buusuuf "Itoophiyanoonni Musiliimoota ta'an akka cunqurfamoo ta'an,Itoophiyaan Isiraa'eel waliin akka hojjettu akkasuma Hidhichi yeroo xumurame akka waan bishaan gara Gibtsiitti hin dabareetti" fakkeessuun odeeffannoo sobaa tamsaasti jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015