Yuunivarsiitiin Amboo bor baratoota 3921 ni eebbisiisa.

135

Waxabajjii, 24/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Amboo baratoota ogummaa adda addaa damee garagaraan barsiisaa ture 3921 bor ni eebbisiisa.

Daarektarri waajjira Rijistiraaraa Yuunivarsiiticha doktar Gadaa Kabbaadaa TOItti akka himanitti baratoota yuunivarsiitichi bor eebbisu keessaa 906 baratoota dubartootadha.

Baratoonni eebbifaman kunneen kanneen barnoota isaanii idileen, sagantaa deddeebiin digirii jalqabaafi lammaataa akkasuma sadaffaa barachaa turaniidha jedhaniiru.

Yuunivarsiitoota naannoo Tigiraay irraa yeroof gara kana dhufanii barnoota isaanii hordofaa turan keessaa baratoonni 448 Yuunivarsiitii Amboorraa kan eebbifaman keessatti akka argamanis eeraniiru.

Bakka hoggantoonni Yuunivarsiitichaa,Maatiin eebbifamtootaafi keessuummoonni affeeraman argamaniitti sirna eebbaa kana geggeessuuf qophiin gahaan taasifamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015