Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu Godina Booranaa Aanaa Mooyyalee gale.

73

Waxabajjii 24/2014(TOI) - Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu Godina Booranaa Aanaa Mooyyalee gale.

Jilichi yeroo achi gahuu Abbootii Gadaa, jarroolee biyyaa, hadhoolii Siinqqee fi Anga'oota Mootummaan simatameera.

Jilli kun pirojektoota akka godinichaatti hojjatamaa turan kanneen akka pirojektii Finna Bosona Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Mooyaalee ganda Bokkoolaa, daandii Biyya Itoophiyaa fi Keeniyaa wal qunnamsiisuu Hiddii-Solooloo, Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Yaaballoo fi kanneen biroo guyyaa har'aa ni eebbisiisa jedhamee eegama jechuub OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015