Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa magaalaa Roobeetti Pirojetoota misoomaa birrii miiliyoona 300 ijaaraman eebbisan.

149

Waxabajjii, 22/2014(TOI) - Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa magaalaa Roobeetti Pirojetoota B'URALEE misoomaa birrii miliyoona 300 ijaaraman eebbisan.

Bu'uuraalee misoomaa eebbifaman keessaa manneen barnootaafi dhaabbileen fayyaa deeggarsa Gamataan Immireetoota Arabaarra argame birrii miliyoona 200'n ijaaraman keessatti argamu.

Gamoon bulchiinsa Godinichaa birrii miliyoona 100'n ijaarameefi Siidaan gooticha Oromoo jeneraal Waaqoo Guutuu magaalaa Roobeetti ijaarame kanneen guyyaa har'a eebbifaman keessatti argamu.

Jiddugalli yaala fayyaa guyyaa har'aa eebbifamee , Bakka dahumsaa haadholii, yaala fayyaa daa'imman reefuu dhalatanii, yaala fayyaa gadameessaafi kutaa hordoffii yaala fayya adda addaa dabalate kutaawwan baqaqsanii hodhuu 3, mana yaaliifi qorichaa kan of keessatti qabudha.Jiddugalichaaf baasii meeshaalee yaala fayyaa barbaachisan hundaa kan baasee Gamtaa Immireetoota Arabaa ta'uun himameera.

Pirezidaanit Shimallis Abdiisaa mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa jeneraal Waaqoo Guutuu magaalaa Roobeetti ijaraamees kan eebbisan yoo ta'u, baasii manni barnootaa kun ittiin ijaarames baasii kan godhee Gamataa Immireetota Arabaa akka ta'e himameera.

Ebba Pirojeektoota kanaan boodas Obbo Shimallisiifi Gamtaa Immireetoota Arabaatti barreessaa waldaa baatii diimaa idil addunyaa obbo Sa'aad Abidurhamaan bin Sulxaan fi hoggantoonni mootummaa sirna kanarratti hirmaatan biqiltuu dhaabaniiru.

Godina Baaleetti pirojeetoonni 187 dhiheenyaatti hojiin isaanii xumuramee tajaajilaaf akka gahaan ni eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015