Magaalaa Bahaar Daaritti namoonni Boombii dhukaasuun shakkaman to'ataman.

73

Waxabajjii, 21/2014(TOI) - Magaalaa Bahaar Daaritti namoonni Boombii dhukaasuun shakkaman 6 to'atamuu Komishiiniin Poolisii naannoo Amahaaraa beeksise.

Komishiinichatti qajeelcha miidiyaafi kominikeeshiniitti hoggantuu kan ta'an Komaander Masarat Dabaarqee kaleessa galgala saatii tokkoofi walakkaatti magaalicha bakkeewwan adda addaatti Boombiin dhohoo himaniiru.

Hordoffii Poolisiin taasiseen kanneen gochaa kana raawwataniiru jedhee shakkee 6 to'annaa jala oolcheera jedhaniiru.

Dhohiinsi kun garuu miidhaan dhaqqabsiise akka hinjirre ibsaniiru.

Komaandar Masarat, gochaaleen akkanaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffama jiru gufachiisuuf tattaffii taasifamuuf argisiistuu ta'uu eeraniiru.

Poolisiin, hawaasa waliin ta’uun hordoffii taasiseenis shakkamtoonni ja’a to’atamuu himaniiru.

Manneen shakkamtootaa wayita sakatta’amutti, boombii 2, bireenii 3 fi rasaasa kuma 3 fi 700, sinaayiperii tokkoo rasaasa 500 waliin akkasumas, karoorri shororkeessummaa raawwachuuf yaadame to’atamuu Komaandar Masarat himaniiru.

Dabalataan, gochaa shororkeessummaa kana waliin hidhata kan qaban shakkamtoonni 14 to’atamuun, qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannootiin qorannoon irratti gaggeefamaa jira jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015