Tarsimoon ijaarsa nageenya fi ittisa walitti bu'insaa biyyaalessaa qophaa'e.

85

Waxabajjii 21/2014(TOI) - Itoophoyaatti sababoota adda addaan walitti bu'insa mudatu dursanii Ittisuuf kan gargaaru tarsimoon ijaarsa nageenya fi ittisa walitti bu'insaa biyyaalessaa qophaa'uu Manni maree Federeeshinii beeksise.

Tarsimoo kana ilaalchisuun Manni Maree Federeeshinii qamoolee Federaalaa fi naannolee dhimmi ilaallatu waliin mari'ateera.

Waltajjii marii kanarratti kan argaman Af-yaa'ii mana maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar yeroo yeroon bifa jijjirratee walitti bu'unsa mudatu dursanii ittisuuf adeemsa dandeesisu diriirsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Walitti bu'insa guutummaan guutuutti ittisuun danda'amuu baatus sababa ittiin umamuu danda'an dursanii qorachuun dursanii ittisuuf furmaata ka'uun barbaachisaadha.

Kanaa hojiirra oolchuuf sagantaan maree kun akka qophaa'e himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015