Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa boji'amtoota waraanaa sudaan addababayitti baasuun ajjeessaniiru jechuun odeeffannoon warraanni Sudaan ofaa jiru oduu sobaati.

315

Waxabajjii, 21/2014(TOI) - Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa boji'amtoota waraanaa sudaan addababayitti baasuun ajjeessaniiru jechuun odeeffannoon warraanni Sudaan ofaa jiru oduu sobaa ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa beeksiseera.

Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa bakkicha hin turre. Humni Sudaan daangaa Itoophiyaa cabsuun galee Milishaa naannaawwaa waliin walitti bu'uu beeksiseera.

Darektarri dubbi himaa raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa koloneel Geetinnaat Adaanee ibsa laataniin akka himanitti yeroo gareen shororkeessaa ABUT raayyaa Ittisa biyyaa iizii kaabaarratti haleellaa raawwate waraanni Sudaan haalaa walitti dhufeenyaafi michummaa seenaa qabeessaa Itoophiyaafi Sudaan hin madaalleen dangaa Itoophiyaa ce'uun weerara taasiseera.

Raayyaan Ittisa Sudaan yeroo adda addaatti rakkoon keessoo yeroo mudatu Itoophiyaarratti qocholloo adda addaa raawwachaa tureera jedhaniiru.

Jidduu kanas Waraanni Sudaan daangaa Itoophiyaa ce'uun milishaa naannoo waliin walitti bu'uun gara lamaanurraa miidhaan qaqqabuu himaniiru.

Akkasis ta'uu waraanni Sudaan bakka raayyaan Ittisa Biyyaa hin jirreetti raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa waraana koo to'atee ture addababaayitti ajjeeseera jechuun odeeffaannoon oofaa jiru dhugaarraa kan fagaatedha jedhaniiru.

Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa bakkicha akka hin turre kan himan Koloneel Geetinnaat, osoo waraanaa boji'ees seeraa kabajuu,Ummaatummaafi dirqamaa isaa akkaataa barbaadamutti raawwachuun aadaa isaati jedhaniiru.

Naamusni Raayyichaa Kooriyaafi Kongoo dabalatee kan himameef ta'uu himanii daangaa Sudaan kibbaa fi Sudaan Abiiyyee irrattti bobba'ee hojjechaa kan jiru namuusa kanaan faarfamaa kan jirudha jedhaniiru.

Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa ajaja mootummaarra osoo hin fudhatiin callisee akka feeteen raayyaa socho'u osoo hin taanee 'Iizii' cimaan walitti hidhamuun kan hojjetudha jedhaniiru

.Haleellaa raawwatame qulqulleessuuf qaamni barbaadu yoo jiraate koreen bakka buutota raayyaa Ittisa biyyaa biyyoota lamaaniirra walitti ba'aan hundee'ee akka qulqulla'uu Raayyaan Ittisa biyyaa fedhii kan qabu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015