Sagantaan Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa magaalaa Finfinnee jalqabame.

114

Waxabajjii 21/2014(TOI) - Sagantaan Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa magaalaa Finfinnee har'a jalqabame.

Sagantaa kanarratti Af- yaa'iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar, Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministira qonnaa obbo Umar Huseen, Ministira dhimma Dubartoota fi da'iimmanii doktar Ergoogee Tasfaayee, bakka buutota dhaabbilee sivikii, dureewwan dhaabbilee amantaa fi hoggantoonnii mootummaa federaalaafi magaalichaa akkasuma hawaasni biroon argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee akka himanitti waggoota sadan darban jiraatoonni magaalaa Finfinnee sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan biqiltoota miliyoonaa 26 dhaabuun milkaa'ina isaaf gahee guddaa bahaniiru jedhaniiru jechuun ragaan waajjira kantiibaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015