Mootummaan Itoophiyaa miidhaa loltootaa fi milishaa Sudaan daangaa Itiyoo-Sudaan irratti mudateen gadduu ibse.

Waxabajjii 20/2014(TOI) - Mootummaan Itoophiyaa miidhaa loltootaa fi milishaa Sudaan daangaa Itiyoo-Sudaan irratti mudateen gadduu ibse.

Miidhaa lotoota idilee Sudaan deeggarsa garee shororkeessaa 'ABUT'n daangaa Itoophiyaa qaxxaamuruun seenan irra ga’e ilaalchisee Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseera.

Ministeerichi ibsichaan taatee gaddisiisaa daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti raawwatame hubachuu ibseera.

Gochichi bulchiinsa Itoophiyaa keessatti kan raawwatamee ta’uu fi loltoonni idilee Sudaan garee shororkeessaa ABUT'n deeggaramuun lafa Itoophiyaa erga weerareen booda ta’uu eereera.

Mootummaan Itoophiyaa taasichaan lubbuu darbetti gadduu ibsuun, yeroo dhiyootti dhimmicharratti qorannoo kan gaggeessu ta’uu hubachiiseera.

Haqi jiru daangaa Itoophiyaa ce’anii haleellaa kan raawwatan loltoota Sudaan ta’ee osoo jiruu, Sudaan kan gochicha raawwate Itoophiyaadha jechuun gochicha gara balleessuuf ibsi baaste sobaa ta’uu himeera.

Mootummaan Itoophiyaas, gochaa hammaataan akka hin uumamneef mootummaan Sudaan akka of ilaaluu fi dhimmicha akka tasgabbeesuu abdii qabu ibseera.

Taateen kun hariiroo cimaa bara dheeraa Uummatoota Sudaanii fi Itoophiyaa giddu jiru cilee dibuuf akka ta’e kan amanu ta’uu eeruun, gochichi imalaa misoomaa fi nageenyaa Itoophiyaa gufachiisuuf kan bocamedha jedheera.

Mootumman Itoophiyaas dhimmicha qajeelfama jiruun, garaagarummaa biyyoota lameenii gidduu akka furamuuf itti dhiyeenyaan kan hojjettu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015