Sagantaan tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’aa eegalchiisuu gaggeeffameera

81

Waxabajjii 20/2014 (TOI) – Sagantaan tajaajila tola ooltummaa fi tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’aa eegalchiisuu Finfinneetti gaggeeffameera.

Sagantichi “Gaarummaa Olka’iinsa Itoophiyaaf” mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministiraa Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergooggee Tasfaayee akkasumas hoggantoonni hojii mootummaa fi keesummoonni biroon argamaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin, dargaggoonni baatiiwwan Gannaa hojiilee tola ooltummaa gaggeessaniin ashaaraa isaanii kaa’uuf qophii akka taa’an waamicha dhiyeessaniiru.

Dhiibbaa alaa fi keessaan birmadimmaa biyyaa jeequuf taasifaman dhaabuu fi faayidaa biyyaalessaa eeguuf tattaaffi gama maraan mootummaan taasisu, bu’aa qabeessa akka ta’uuf daraggoonni hojiilee tolaa ooltummaa akka deeggaran kaasaniru.

Dabalataanis, imalli biyyattiin eegalte akka milkaa’uuf daraggoonni ittigaafatama lammummaa akka bahatan Obbo Dammaqaan waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Ergoogee Tasfaayee gama isaaniin, tajaajila tola ooltummaa Ganna baranaan dargaggoota miiliyoona 19, dameewwan bobbii 12'rratti akka hirmaatan himuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Milkaa’ina sagantichaaf dargaggoonnii fi qaamoleen hojii raawwachiiftotaa sadarkaan jiran ittigaafatama isaanirraa eegamu akka bahatanii fi olka’iinsaa Ityoophiyaaf ashaaraa gaarummaa akka kaa’aan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015