Uummata waliin qindoomuun diinoota Itoophiyaa barbadeessuun Badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf ni hojjenna

55

Waxabajjii 20/2014(TOI) - Uummata waliin qindoomuun diinoota Itoophiyaa barbadeessuun Badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf ni hojjenna jedhan Itti aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraaha

Obbo Adam Faraaha ibsa miidiyaaleef laataaniin akka himanitti walga'iin koree hoji raawwachiifituu fi jiddugaleessaa paartichaa geggeessaniin dhimmoota siyaasaa,dinagdeefi hawaasummaa biyyaarratti marii gad fagoo geggeessuun karaa milkaa'aa ta'een xumurameera.

Koreewwan kun dhimmoota nageenyaafi tasgabbii, Siyaasa, Dinagdee, hawaasummaa, qunnamtii alaa fi dippiloomaasii irraatti marii cimaa geggeessuu kan himan obbo Adam Faraaha gochaa suukkanneessaa dhiheenya kana magaalaa Gambeellaa fi Wallagga lixaatti raawwatame balaaleffachuu himaniiru.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu jalqabamees cimee akka itti fufu kallattiin kaa'amii himaniiru.

Haga ammaattis hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kanaan miseensoonnibgaree shororkeessitootaa hedduun barbadeeffamuu himaniiru.

Miidiyaaleen diinaa odeeffannoo tamsaasun jeequmsa uumaa jiraachuus himaniiru.

Ajjeechaan lammilee nagaarratti raawwatame mootummaafi uummanni xiyyeeffannoo isaan misoomarratti gochaa jiran jallisuuf akka ta'e himaniiru.

Keessaayyu hojii guutinsa bishaan hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa sadaffaa fi tarbaayinii lammaffaa humna maddisiisu jalqabuuf taasifamu gufachiiuufidha jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni waqtii qonnaa kana tasgabaa'ee akka hin hojjenneef hojii garee kun hojjechaa jirudha jechuun, gochaan shororkeessummaa garee shororkeessitoota kana saba kamiyyuu bakka hin bu'u jedhaniiru.

Mootummaafi uummanni waliin qindaa'uun gochaa warra biyya diiguuf hojjetanii kana ni fashaleessas jedhaniiru.

Kereewwan walga'ii geggeeffataniin dhimma keessoo Paartiirratti gamaggamuus himaniiru. Paartiin Badhaadhinaa yoomiyyuu caalaa tokkummaan isaa cimaadha jedhaniiru.

Naamusni keessoo paartichaas haala gaariirra jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015