Bara 2014 Mootummaan Naannoo Oromiyaa qormaatilee keessoo fi alaatiin qoramaa jiraatus hojiiwwan misoomaa milkaa’aa hojjeteera

122

Waxabajjii 20/2014(TOI) - Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa qormaatilee keessoo fi alaatiin qoramaa jirus hojiiwwan misoomaa milkaa’aa hojjeteeraa jedhan, Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa,Obbo Shimallis Abdiisaa.

Pirezedaanti Shimallis raawwii hojii bara 2014 irratti miidiyaaf ibsa kennaniiru.

Ibsa kennan kanaanis Naannichi jijjiiramaa as waggaa shan akka waggaa 25'tti itti fayyadamna jedhuun karoora hiixataa rakkoo hawaas-dinagdee Naannichaa furuu fi karoora badhaadhinaa milkeessuuf karoorfatee hojjetaa akka jiru eeraniiru.

Hojiiwwan bara 2014 hojjetamaa turan qormaatilee keessoo fi alaatiin qoramaa akka turan kan ibsan, Obbo Shimallis, rakkoon nageenyaa kaaba biyyattii ,hongee godinaalee naannichaa 8 keessatti mudate ,dhibeen Covid-19, haalli qabtamaa addunyaa , rakkoon kenniinsa tajaajilaa fi caasaan Mootummaa ergama isaa adda durummaan bahuu dhabuu akkasumas hojiin shororkeessummaa humna Shanee qormaatoota akka turan eeraniiru.

Naannoon Oromiyaa qormaatilee kana keessa ta’uun qindoomina uummata Naanichaatiin hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an hojjechuu himan.

Bara 2014'tti naannichatti hirmaannaa Uummataa, dhaabbilee miti mootummaa fi baajata Mootummaa Birrii biiliyoona 42 oliin piroojektoonni kuma 20 fi 70’n ijaarsi isaanii xumuramuun eebbaaf gahuu isaanii himaniiru.

Milkaa’ina piroojaktoota kanneeniif galii naannichaa dabaluu, baajata qusannaan fayyadamuu fi piroojektoota ittiin xumuursiisuuf oolchuu ,hirmaannaa ummataa cimsuu fi sirna bulchiinsa piroojektii cimaa uumuutiin hojii milkaa’an hojjetamuu ibsaniiru.

Inisheetiivoota haaraa 17 hojiirra oolchuun xiyyeeffannaan hojjetameera kan jedhan Obbo Shimalliis, qamadii fi garbuu jallisiin misoomsuu, misooma avokaadoo fi misooma bunaatiin bu’aa gaariin galmaa’aa akka jiru himan.

Raawwii hojii bara 2014 keessatti bifa addaatiin xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetame hojiin diinagdee cimsuu,barnoota fi sirna cimsuu irratti xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa akka ture eeraniiru.

Sirna Mana Murtii Aadaa hundeessuu naannichatti hojiirra ooleen dhimmi mana murtii hir’achaa dhufuu himaniiru.

Naannichi qormaatilee keessa taa’ee hojiiwwan misoomaa milkaa’aa galmeessisuu isaa kan ibsan, Obbo Shimallis, muuxannoowwan gaarii bara hojichaatti mul’atan jajjabeessaa, hanqinaalee mul'atan sirreessaa bara hojii 2015’tti qindoominaa hawaasaatiin hojii caalmaa qabu hojjechuuf karoorfatee socho’aa waan jiruuf, milkaa’ina karoorichaatiif qaamooleen hawaasaa marti tumsuu akka qaban dhaamaniiru .

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015