Ji'oota kurnaan darbanitti lammilee miiliyoona 1.9 ta'aniif dhaabbiin carraan hojii umameera.

90

Waxabajjii 18/2014(TOI) - Ji'oota kurnaan darbanitti lammilee miiliyoona 1.9 ta'aniif dhaabbiin carraa uumuun akka danda'ame Ministirri Hojiifi ogummaa aadde Mufariyaat Kamiil himan.

Aadde Mufariyaat turtii TOI waliin taasisaniin akka himanitti hojiimatawwaan adda addaa hojiirra oolchuun rakkoon hoji dhabdummaa furuuf tattaffiin taasifama jira.

Dhaabbilee Tikinikaafi ogummaa rifoormi gochuun jalqabamuu kan himan aadde Mufaariyaat kunis lammileen hedduun leenjii ogummaa argachuun gara hojiitti akka bobba'an carraa guddaa kan uumudha jedhaniiru.

Haaluma kanaan ji'oota kurnaan darbanitti lammilee miiliyoona 1.9 ta'aniif dhaabbiin carraan hojii uumamuu himaniiru.

Lammilee biyya keessatti kanneen carraan hojii yeroo fi dhaabbii uumameefiiin cinaatti lammilee kuma 54 ol ta'aniif biyya alaatti carraa hojii akka argatan taasifamuu himaniiru.

Lammileef leenjii laachuun gara biyyaa alaatti erguun carraa hojii akka argatan taasisuun kanitti fufu ta'uus himaniiru.

Rakkoon hojii dhabdummaa ammaas haalaan kan hin furamne ta'uu himanii, gara fuula duraattis xiyyeeffannoon kan irratti hojjetamu ta'a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015