Naannichatti Ganna kana hojiin tola ooltummaa dargaggoota kuma 80 hirmaachise ni gaggeeffama jedhame

98

Waxabajjii 17/2014 (TOI) – Naannoo Harariitti Ganna kana hojiin tola ooltummaa dargaggoota kuma 80 hirmaachise kan raawwatamu ta’uu Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa naannichaa beeksise.

Tola ooltummaa Ganna kanaan Magaalaa fi Baadiyyaatti namoota humna hin qabne 100 oliif hojiin mana jireenyaa haaromsuu kan hojjetamu ta’uu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa naannichaa Aadde Daliilaa Yuusuuf ibsaniiru.

Hojiin Ashaaraa magariisaa, arjoommii dhiigaa, Qonnaa, Barnootaa fi kanneen biroo kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Dargaggoonni naannicha keessatti argaman hundi hojii tola ooltummaa kanarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hojii Baatiiwwan lamaaf hojjetamu kanaan hojii Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015