Rakkoo qulqullina Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoo keesssatti muldhatuu furuuf hojjetamuu qaba jedhame

348

Waxabajjii 17/2014(TOI) - Rakkoolee qulqullina barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mul'atan hirdhisuuf leenjiin dandeettii raawwachiisummaa qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa tahuun himame.

Abbaan Taayitaa barnootaaf leenjii federaalaa yuunivarsiitii Madda Walaabuu waliin qindoomuun leenjiin guyyoota lamaaf Baalee magaalaa Roobeetti kennaa ture xumurame.

Leenjicharratti itti gaafatamtoota kutaalee barnootaatiif daarektaroonni hirmaachuu Yuunivarsiitichatti daarekarri mirkaneessa qulqullinaa Doktar Kadiir Abdaa himan.

Leenjichi adeemsaaf kenniinsa qabiyyeelee barnootaa yuunivarsiitichaa haala fooyyessuun dandahamurratti tahuus eeran.

Dandeettii raawwachiisummaa hooggantoota sadarkaan jiranii fooyyessuun rakkoolee qulqullina sirna baruuf barsiisuun walqabatee mudachaa ture hirdhisuunis kaayyoo leenjichaa isa biraa tahuus akeekan.

Doktor kadiir akka jedhanitti adeemsi mirkaneessa qulqullinaa simannaa barattootaarraa jalqabee kenna qabiyyee barnootaaf hanga eebbifamanii bahanitti kan hammatu tahuus eeran.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktor Ahmad Kaliil gama isaaniitiin dhimmi qulqullina barnootaa dhimma nama hundaa waa taheef tumsa qooda fudhattoota gara garaas gaafata jedhan.

Qulqullinni barnootaa sadarkaa dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessatti muldhatan hirdhisuuf manneen barnoota sadarkaa barnoota gara gadii jiran irratti cichoominaan hojjatamuu qabas jedhan.

Abbaa taayitaa leenjii raawwachiisummaa hoggantoota Yuunivarsiitichaa sadarkaan jiraniif kennaniif galateeffatanii jiru.

Dr. Ahmad akka jedhanitti yuunivarsiitichi walitti dhufeenya dhaabbilee walfakkaatoo gara biraa waliin qaban cimsee kan itti fufu tahuus himan.

Abbaa Taayitaa Barnootaaf leenjii federaalaa bakka bu'uun ergaa kan dabarsan ammoo Ogeessi ol'aanoon mirkaneessa oodiitii qulqullinaa obboo Ababaayyahu Taraffaati.

Obboo Ababaayyoon ergaa dabarsaniin abbaan taaytichaa hojii qulqullinaa kanaan dura dhaabbilee barnoota ol'aanoo qofarratti daangahee ture gara barnoota sadarkaa 1ffaatti gadi buusuun hojjachaa jiraachuu himan.

Hojiilee mirkaneessa qulqullinaan walqabatee hojjatamaa tureen dhimmichi ajandaa ijoof dhimma dursaa tahee fudhatamuu himan.

Hudhaaleef adeemsi rakkooleen qulqullina hedduu dha kan jedhan ogeessi ol'aanoon rakkinicha hirdhisuufis tumsa qooda fudhattoota hundaa gaafatas jedhan.

Leenjitoonni gama isaaniitiin leenjichi hudhaalee,adeemsaaf kallattii fuulduraa qabiyyeef mirkaneessa qulqullina sagantaalee barnootaa fooyyessuuf galtee kan tahuu dha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015