Gareen ABUT xiyyaarri deeggarsa namoomaa imalchiisan buufata xiyyaaraa Maqalee akka hin qubanne dhorke.

64

Finfinnee, Waxabajjii 16/2014 (TOI) – Gareen shororkeessaa ABUT xiyyaarri deeggarsa namoomaa fe’anii gara naannoo Tigraay balali’an buufata xiyyaaraa Maqalee akka hin qubanne dhorkuu mootummaan beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har’a laateen, mootummaan lammiilee naannoo Tigraayitti haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hojjechaa turuu himeera.

Dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa garaagaraa waliin qindaa’uun deeggarsi namoomaa geejjiba lafarraa fi qilleensarraan dhiyeessaa turuu eereera.

Tattaaffii mootummaan taasiisaa jiru kana gurraacheessuu fi galtee olola sobaaf gareen ABUT deeggarsi namoomaa gara naannichaa akka hin seenne yaalii gufachiisuu taasiisaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibseera.

Deeggarsi namoomaa geejjiba lafarraan gara naannichaa akka hin seenne daandii cufuu fi koriidaroota daddabarsaarratti qocholoo garaagaraa raawwachuun fedhii isaan ala ummata Tigraayiif dhimma akka hin qabaanne qabatamaan agarsiisuu himeera.

Yeroo ammaas xiyyaaroonni guyyaa guyyaan meeshaalee yaalaa fi nyaata Badhaadhaa daa’immaan qaqqabsiisuuf gara naannichaatti balallii taasiisaa jiran Maqalee akka hin qubanne dhorkuu ibsichi eereera.

Hawaasni idil addunyaa gochaa kana balaaleffachuun sababa dhorkichaa akka qulqulleessan mootummaan waamicha dhiyeesseera.

Dabalataan mootummaan lammiilee naannoo Tigraayitti haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa barbaachisu dhiyeessuuf tattaaffii taasiisu kan itti fufu ta’uu himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015